“Aadaan walgargaarsaa Buusaa Gonofaa caalaatti akka cimu nihojjenna”-Abbootii Gadaa magaalaa Amboo - ENA Afaan Oromoo
“Aadaan walgargaarsaa Buusaa Gonofaa caalaatti akka cimu nihojjenna”-Abbootii Gadaa magaalaa Amboo

Caamsaa 14/2015(TOI)-''Buusaa Gonofaan aadaa ummanno Oromoo durii kaasee wayita rakkoon isa mudatu ittiin walgargaaru waan ta’eef aadaa kana cimsuuf nihojjenna” jedhan abbootiin Gadaa magaalaa Amboo.
Hooggantoonni bulchiinsa magaalaa Amboo, abbootiin Gadaa, haadholii Siinqee fi qaamoleen biroon bakka argamanitti hundeeffamni Buusaa Gonofaa waggaa tokkoffaa fi waltajjiin sosochii yaadatamee ooleera.
Abbootiin Gadaa fi haadholiin Siinqee akka jedhanitti, Buusaa Gonofaan durii kaasee aadaa ummanni Oromoo rakkoon wayita irra gahu ittiin walgargaarudha.
Aadaan Buusaa Gonofaa durii caalaatti akka cimu mootummaan naannoo Oromiyaa siri kun bu’ura seeraa akka qabaatu gochuunsaa murtii gaariidha jedhan.
Abbaa Gadaa Laggasaa Baalchaa akka jedhanitti, aadaan Buusaa Gonofaa balaan uumamaa fi namtolchee namootarra wayita gahu garaagarummaa malee aadaa ittiin wal deeggaran waan ta’eef akka cimu nihojjenna jedhaniiru.
Aadaan walgargaarsaa Buusaa Gonofaa akka milkaa’u faayidaa sirnichaa beeksisuun qoodasaanii akka bahan kan dubbatan ammoo haadha Siinqee Masarat Tolasaati.
Itti fufuunis lammiilee rakkoon irra gaheef dafanii qaqqabuun rakkoosaanii qooddachuun deeggarsi namoomaa akka taasifamuuf qoodasaanii akka bahan dubbataniiru.
Itti gafatamaan waajjira Buusaa Gonofaa magaalaa Amboo obbo Fayyeeraa Falamaa gamasaaniin, waggaa tokko darbe darbetti karaa sirna Buusaa Gonofaa lammiilee rakkoon irra gahe deeggarsi namoomaa akka taasifameef ibsaniiru.
Magaalichatti Buusaa Gonofaa hundeeffamee waggaa tokko keessatti miseensota kuma 5 fi 113 horachuun akka danda’amee fi birrii kuma 425 fi 682 miseensotarraa sassaabuun akka danda’ame dubbataniiru.
Maallaqa kanaanis magaalattiitti gandoota jaaha lammiilee rakkoof saaxilamaniif deeggarsi maallaqaa, nyaataa fi uffannaa taasifamuusaa ibsaniiru.
Kantiibaan itti aanaa bulchiinsa magaalaa Amboo obbo Tasfaayee Degefaa gamasaaniin, lammiileen saba, amantaa, sanyii osoo hinjedhiin karaa Buusaa Gonofaa deeggarsa kan argatan waan ta’eef hawaasni magaalaa Amboo miseensa Buusaa Gonofaa akka ta’u gaafataniiru.
Buusaa Gonofaa hundeeffamee waggaa tokko keessatti hojiilee hedduu raawwachuusaa ibsanii, milkaa’inasaaf cimanii akka hojjetan kan mirkaneessan ammoo itti gaafatamaa waajjira paartii badhaadhinaa magaalaa Amboo obbo Fitsum Abbabaati.