Baatiiwwan sagal darban maallaqni tiriiliyoona 1 tuqaa 2 ol karaa sirna kafaltii dijitaalaa raawwatameera

403

Caamsaa 14/2015(TOI)- Baatiiwwan sagal darban maallaqni tiriiliyoona 1 tuqaa 2 ol karaa sirna kafaltii dijitaalaa raawwatamuusaa ministirri pilaanii fi misoomaa doktar Fitsum Asaffaa ibsan.

Ministirittiin raawwii karooraa baatii sagalii kan bara 2015 de’eetaa ministirootaa, miseensota mana maree fi hooggantoota dhaabbileef wayita dhiheessanitti, mootummaan dinagdee hunda hamate ijaaruuf faayinaansii dijitaalaarratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeraniiru.

Haala Kanaan imaammataa fi hojmaataan xiyyeeffatamee hojjetamaa akka jiru eeranii, fayyadamtoonni teeknooloojii moobaayiliin maallaqa dabarsan miiliyoona 60 ol akka gahan dubbataniiruy.

Haala Kanaan baatii sagal keessatti birriin tiriiliyoona 1 fi biiliyoona 220 ol kafaltii dijitaalaan raawwatamuu eeraniiru.

Kunis bara 2014 yeroo walfakkaataatti maallaqa karaa dijitaalaa darbe birrii biiliyoona 454 tuqaa 31’n walbiratti yemmuu ilaalamu guddina dhibbantaa 169 galmeessisuusaa ibsaniiru.

Hojii raawwachiiftuun olaanaa Itiyoo Telekoom Fireehiywoot Taammiruu gamasaaniin, Itiyoophiyaa dijitaalaa ijaaruuf xiyyeeffatamee hojjetamaa jira jedhan.

Deeggarsi boba’aa xiyyeeffannoon kennameef guutummaatti sirna teeknooloojii keessa galuusaa akka fakkeenyaatti kaasaniiru.

Sirna taaksiis kafaltii elektirooniiksii keessa galchuun eegalamuusaa dubbataniiru.

Dinagdeen biyyattii caalaatti hawaasa fayyadamaa akka taasisu bu’urri misoomaa telekoomii diriirsuun qaqqabiinsa tajaajila faayinaansii bal’isuuf hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Baayi’na namoota intarneetii fayyadamanii dabaluuf hojjetamaa akka jiru kaasaniiru.

Qaqqabiinsa walitti hidhiinsa intarpiraayizootaa fi dhaabbilee  fi gama fayyadamtootaan qaqqabiinsa biroodbaandii bal’isuuf hojii hojjetameen guddinni dhibbantaa 19 galmaa’uusaa eeraniiru.

Fuulduras dinagdee dijitaalaa fi faayinaansii hunda hamate mirkaneessuuf hojiirra oolmaa bifa tokko qabu, qindaa’ee fi to’annaan irratti taasifamu jiraachuu akka qabu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015