'Ogeeyyiin kalaqaa rakkoo isaan mudatuun osoo hin gufatiin hojiiwwan bu'aa irratti xiyyeeffataniin hojjechuun milkaa'ina misoomaa fi badhaadhina Itoophiyaaf carraaquu qabu'

472

Caamsaa 14/2015(TOI) - mINISTIRRI Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad ogeeyyiin kalaqaa rakkoo isaan mudatuuf osoo hin jilbeeffatiin hojiiwwan bu’aa irratti xiyyeeffataniin hojjechuun milkaa’ina misoomaa fi badhaadhina Itoophiyaatiif carraaquu qabu jedhan.

Ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad Dorgommii kalaqaa Biyyaalessaa 3ffaa ifatti bananiiru.

Dorgommicha mata duree ''kalaqa dorgommiif'' jedhuun kan qopheessee Ministira Hojjii fi ogummaan yoo ta'uu dorgommiin kun guyyoota shaniif kan turudha jedhameera.

Waltajjii dorgommii kanarratti agarsiisni hojii kalaqaa, marii paanaalii fi sagantaalee biroo kan dhihaatan ta'uunis himameera.

Dorgommiin kun gahumsa dargaggoota ogummaa fi dandeettii qaban agarsiisuu fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu keessatti gahee olaanaa kan qabu ta'uu Ministirri Muummee himaniiru.

Itoophiyaan akka badhaatuuf, dameewwan hunda ammayyeessuuf kalaqaan barbaachisaa ta’uu eeraniiru.

Itoophiyaa keessa dameen hundarratti rakkoon galtee waan hin jirreef galteewwaan jira kanarratti kalaqaa fi dandeettii dabaluun barbaachisaadha jedhaniiru.

Kalaqni kan jiru kan balleessu, gahumsa kan barbaadu fi rakkoo kan hiiku waan ta'eef kalaqa gama hundaanuu dafnee ofitti fudhachuu qabna jedhaniiru.

Ogeeyyiin kalqaa rakkoo isaan mudatuun osoo hin gufatiin rakkoo isaan mudatu bu'uura godhachuun akka carraatti itti fayyadamanii Hojii bu'aa irratti xiyyeeffate hojjechuurratti akka xiyyeeffatan dhaamaniiru.

Hojiiwwan kalaqaa guyyaa sanatti mul’atan keessatti kalaqa abdachiisaa guddaa akka arge dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015