Ministirri muummee Abiyyi Ahimad waltajjii dorgommii dandeettii biyyaalessaa 3ffaa banan - ENA Afaan Oromoo
Ministirri muummee Abiyyi Ahimad waltajjii dorgommii dandeettii biyyaalessaa 3ffaa banan

Caamsaa 14/2015(TOI)- Ministirri muummee Abiyyi Ahimad waltajjii dorgommii dandeettii biyyaalessaa 3ffaa bananiiru.
Dorgommiin ministeerri hojii fi dandeettii mata duree” dandeettiin dorgomuu danda’uuf” jedhuun qopheesse kun har’aa kaasee guyyoota shaniif nitura.
Dorgommii Kanaan sagantaaleen agarsiifni hojiiwwan kalaqaa, mareen paanaalii fi sagantaaleen biroo akka jiraatan ibsameera.
Ministirri muummee Abiyyi wayita kana akka jedhanitti, dorgommiin kun dargaggoonni gahumsaa fi dandeettii qaban ga’oomuusaanii agarsiisuu fi walitti hidhiinsa gabaa uumuuf qooda olaanaa qaba.
Itiyoophiyaa badhaatuu gochiuuf damee hunda ammayyeessuuf kalaqni murteessaa ta’uu ibsanii, Itiyoophiyaa hanqina galtee waan hinqabneefkalaqaa fi dandeettii guddisuun akka barbaachisu dubbataniiru.
Ogeeyyonni kalaqaa gufuulee isaan mudataniin osoo hinjilbeeffatiin qormaata akka carraatti fayyadamanii hojiilee qabatamarratti hundaa’an irratti cimanii akka hojjetan hubachiisaniiru.
Hojiileen kalaqaa har’a dhihaatan abdii kan kennan ta’uu ibsanii, ministeerichi hundaa’ee yeroo gabaabaa keessatti hojiilee bu’a qabeessa hojjechuusaa dubbataniiru.