Sagantaan guddina daa’immanii umurii gara jalqabaa magaalaa Finfinneetti xiyyeeffannoon kennameefii hojjetamaa jira- Kantiibaa itti aanaa Jaanxiraar Abbaayi

Caamsaa 14/2015(TOI)- Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sagantaa guddina daa’immaniif xiyyeeffannoo kennee hojjechaa akka jiru ibse.

Kantiibaan itti aanaa bulchiinsa magaalaa Finfinnee Jaanxiraar Abbaayi hojii raawwachiisaa olaanaa Biig wiin Fiilaantirooppii doktar Kasaatebirhaan Admaasuu fi pirezidaantii Elmaa Fiilaantirooppii Roobiin Kaalder waliin waajjirasaaniitti mari’ataniiru.

Waggoota sadan dhufan karaa sagantaa misooma daa’immanii jalqabaa Finfinneen daa’immaniif akka mijooftu gochuuf seerronni tarsiimoo, sagantaan guddinaa fi karoorri qophaa’uusaanii obbo Jaanxiraar ibsaniiru.

Haala Kanaan waggooota sadan dhufa wantoonni daa’imman ittiin taphatan kuma 12 ta’an, jiddu galeessonni daa’imman itti kunuunfaman kuma tokko ta’an, mootummaa, hawaasaa fi damee dhuunfaatiin akka babal’ifaman dubbataniiru.

Sagantaan misoom daa’immanii umurii gara jalqabaa daa’imman umriinsaanii amma waggaa 6tti jiran irratti kenniinsa barnootaa idileen duraarratti xiyyeeffatee akka hojjetu dubbataniiru.

Sagantaa kana milkeessuuf hojjettoonni manarra deemanii maatiif gorsaa fi deeggarsa kennan kuma 5 qaxaramanii akka hojjetan obbo Jaanxiraar eeraniiru.

Kanneen keessaa yeroo ammaa maatiiwwan kuma 2 fi 200 ol ta’an kolleejota ogummaa fi teekniikaa magaalaa Finfinneetti argaman hundatti leenjii baatii 3 fudhachaa jiru jedhaniiru.

Hojii raawwachiisaan Biig Wiin Fiilaantroop doktar Kasatabirhaan Admaasuu magaalattiitti hojiin daa’immanirratti jalqabame kan dinqisiifamuu fi Itiyoophiyaa qofaaf osoo hinta’iin Afriikaaf illee fakkeenya ta’uu akka danda’u amantaa qaban ibsaniiru.

Dhaabbatichi deeggarsi sagantaa misooma daa’immanii jalqabaaf taasisaa jiru cimsee akka itti fufu dubbataniiru.

Pirezidaantiin Elmaa Fiilaantiroopii Roobiin Kaalder gamasaaniin, magaalichi gama sagantaalee daa’immanirratti jalqabe keessaa damee fayyaa fi jiddugaleessota kunuunsa daa’immaniin sochiin jalqabame ilaaluusaanii ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalaa Finfinnee sagantaa kana hojiirra oolchuuf kutannoo agarsiise dinqisiifachuusaanii odeeffannoon fuula marsariitii biiroo komunikeeshinii magaalaa Finfinneerraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015