Yaa’iin fayyaa addunyaa 76ffaa Siwiizarlaand Jenevaatti jalqabame

198

Caamsaa 14/2015(TOI)- Yaa’iin fayyaa addunyaa 76ffaa kan waggaa Siwiizarlaand Jenevaatti har’a jalqabameera.

Yaa’iin fayyaa addunyaa baranaa mata duree”turtii dhaabbata fayyaa addunyaa waggaa 75ffaa, lubbuu baraaruuf, fayyaa hundaaf milkeessuu” (WHO at 75: Saving lives, driving health for all) jedhuun jalqabameera.

Itiyoophiyaan jila ministira fayyaa doktar Liyaa Taaddasaan hoogganamuu fi hooggantoota mootummaa olaanoo federaalaa fi biiroolee fayyaa naannoo ofkeessatti qabateen bakka buutee yaa’ii kanarratti hirmaachaa jirti.

Bakka bu’oonni damee fayyaa dhuunfaa garee jilaa kana keessatti galuunsaanii eerameera.

Gareen jilaa Itiyoophiyaa waajjira ergamaa dhaabbataa Itiyoophiyaa Jenevitti argamu waliin ta’uun yaa’ii kanarratti hirmaachaa akka jiru ibsameera.

Yaa’iin fayyaa addunyaa 76ffaa guyyoota itti aananiif kan adeemsifamu yemmuu ta’u dhimmoonni fayyaa fi fayyaan walqabatan kaafamanii nimari’atamu jedhameera.

Kana malees biyyoonni miseensa dhaabbata fayyaa addunyaa hirmaattonni biroon yaa’ichaa fi kana cinaattis walgahiiwwan akka adeemsisan ibsameera.

Xumurarrattis sanadoonni murtee addaddaa (resolutions)  yaa’ii kanarratti dhihaatanii akka raggaasifaman odeeffannoon ministeera fayyaarraa argame ni eera.

Yaa’iin kun osoo hinjalqabamiin dura magaalaa Jenevaa “Wook ze tookitti” fiigichi daandiirraa kan adeemsifame yemmuu ta’u Atileet gargaaruu Komishinaraa Daraartuu Tulluu dabalatee atileetonni biroo fi namoonni beekamoon argamaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015