Taphoonni Piriimer liigiin Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’as nitaphatau

695

Caamsaa 14/2015 (TOI) – Sagantaa piriimer liigii torbee 25ffaan oolmaa guyyaa sadaffaatiin har’a taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu.

Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Faasiil Kanamaan Buna Sidaamaa waliin nitaphatu.

Faasiil Kanamaan qabxii 37’n sadarkaa shanaffaa akkasumas Bunni Sidaamaa qabxii 30’n sadarkaa 12ffaarratti argama.

Faasiil Kanamaan taphoota liigichaa shan Kanaan dura taphateen sadii mo’atee tokko mo’amee al tokko walqixa baheera.

Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota shan keessaa sadii mo’atee lama mo’ameera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Faasiil Kanamaan goolii 4 fi 2’n mo’achuunsaa niyaadatama.

Sagantaa Piriimer liigii Beetkiingii Itihioophiyaa torbee 25ffaa kan biraatiin magaalaan Walqixxee galgala sa’aatii 12tti magaalaa Dirreedawaa waliin nitaphatu.

Magaalaan Walqixxee qabxii 29’n sadarkaa 13ffaarratti yemmuu argamu magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra jira.

Magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa darbe shan taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’amee al lama qabxii qooddateera.

Morkataansaa magaalaan Dirreedawaa taphoota shan darbaniin al lama mo’atee sadii mo’atameera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama.

Haala wal fakkaatuun piriimer liigii Beetkiingii Itiyoophiyaa torbee 25ffaan Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Bahaardaar akkasumas Liigicha dursaa kan jiru Qiddus Goorgis Walaayittaa Diichaa goolii Walfakkaataa 2 fi 1’n mo’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015