Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa har’aa kaasee nitaphatamu

682

Caamsaa 12/ 2015 (TOI) – Sagantaan piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 25ffaa taphoota lama har’a taphatamaniin nijalqabama.

Magaalaan Adaamaa magaalaa Arbaa Minci waliin guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu.

Magaalaan Adaamaa qaxii 32’n sadarkaa 8ffaa akkasumas magaalaan Arbaa Minci qabxii 25niin  sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadu bu’aa keessatti argama.

Magaalaan Adaamaa taphoota piriimer liigii walitti aansee taphate shaniin lama mo’atee, tokkoon mo’amee, al lama walqixa baheera.

Morkataansaa magaalaan Arbaa Miinci taphoota shan taphateen homaa hinmo’anne. Al tokko mo’ateera, al afur ammoo qabxii qooddateera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin magaalaan Arbaa Minci goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama.

Taphni piriimer liigii beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa marsaa lammaffaa buna Itiyoophiyaa fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti galgala sa’aatii 12:00tti taphatama.

Bunni Itiyoophiyaa qabxii 34’n sadarkaa 5ffaa akkasumas Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa isa dhumaa qabatee sadarkaa gadi bu’aarratti argama.

Bunni Itiyoophiyaa taphoota shaman darban taphateen lama mo’atee, tokkoon mo’ameera. Al lama ammoo Walqixa baheera.

Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota shan taasiseen homaa hinmo’anne. Afuriin mo’atee altokko ammoo qabxii qooddateera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii 2 fi 2 walqixa xumuramuunsaa niyaadatama.

Bunni Itiyoophiyaa Lagaxaafoo Lagadaadhii mo’atee magaalaan Arbaa Minci magaalaa Adaamaa yoo mo’ate Lagaxaafoo Lagadaadhii taphni shan osoo hafuu kilaba  piriimer liigiirra bu’u kan jalqabaa ta’a.

Sagantaan piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 25ffaa amma Caamsaa 15 bara 2015tti nitura.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015