Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 52ffaa boru xumurama

589

Caamsaa 12/2015 (TOI) - Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa 52ffaa boru xumurama

Shaampiyoonaan kun Caamsaa 8 bara 2015 irraa kaasee akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti adeemsifamaa jira.

Dorgommii kanarratti atileetonni dhiiraa 743 akkasumas atileetonni dubaraa 527 walumaa gala atileetonni kuma 1 fi 270 hirmaachaa akka jiran federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa beeksiseera.

Atileetonni kunneen naannolee fi bulchiinsota magaalaa, kilabootaa fi dhaabbilee addaddaarraa kan walitti babahan tahuun ibsameera.

Kaayyoon shaampiyoonaa kanaa shaampiyoonaa atileetiksii addunyaa 19ffaa baatii Hagayyaa bara 2015 Haangaarii Budaapeestitti adeemsifamuuf atileetonni gahumsasaanii akka madaalanii fi atileetota naannolee, bulchiinsota magaalaa, kilabootaa fi jiddugaleessota leenjiitti argamaniif carraa dorgommii uumuu akkasumas atileetota bakka bu’uu danda’an horachuu ta’uun beekameera.

Federeeshiniin atileetiksii Itiyoophiyaa shaampiyoonaa atileetiksii kanaaf bajata birrii miiliyoona 2 fi kuma 700 ol ramaduunsaa eerameera.

Kana keessaa birriin kuma 541 badhaasa dorgomtootaak kennamu ta’uu beeksiseera.

Shaampiyoonaa Kanaan har’aa fi boru  dorgommiiwwan calallii fi xumuraa nitaasifamu.

Shaampiyoonaan atileetiksii Itiyoophiyaa bara 1963 irraa kaasee dorgomamaa jira.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015