Tamsaasa Kallatti:

Ambaasaaddar Dasee Daalkee Bulchaa odola Jajuu O Yaang Huun waliin marii damee addaddaarratti waliin hojjechuu dandeessisan taasisan

Caamsaa 11/2015(TOI)- Ambaasaaddar Dasee Daalkee Bulchaa odola Jajuu O Yaang Huun waliin marii damee addaddaarratti waliin hojjechuu dandeessisan taasisan.

Kooriyaa Kibbaatti ambaasaaddarri Itiyoophiyaa Dasee Daalkee Bulchaa odola Jajuu O Yaang Huun waliin gama dinagdee, tuurizimii, aadaa fi eegumsa naannootiin humna jiru qindeessuun dhimmoota waliin hojjechuun danda’amurratti mari’ataniiru.

Itiyoophiyaan Afriikaa biyyoota jiddugaleessa bahaa fi Awurooppaa waliin walquunnamsiisuuf biyya tarsiimawaa ta’uushee ambaasaaddar daseen eeraniiru.

Haala Kanaan abbootiin qabeenyaa Kooriyaa Kibbaa Itiyoophiyaatti invast gochaa akka jiran eeraniiru.

Tumsa afriikaa waliin jiru babal’isuuf Itiyoophiyaatti fayyadamuun carraa gaarii akka ta’e ambaasaaddar Daseen ibsaniiru.

Ityoophiyaan biyya saba, sablammootaa fi lubbu qabeeyyii hedduu kan qabdu akkasumas hambaalee qabatamaa fi hinqabatamne kan Yuuneeskootti galmaa’an kan qabdu ta’uu himanii, kunis biyyattiin bakka ga’iinsa tuuriizimii ishee taasisu jedhaniiru.

Tuuristoonni hedduun kan daawwatan biyyi kooriyaa Kibbaa odolli Jajuu gama tuurizimiitiin Itiyoophiyaa waliin wantoonni walfakkeessan hedduun akka jiranii fi damee Kanaan waliin hojjechuun biyyoota lamaan akka fayyadu himaniiru.

Kanaaf bulchaan Odol Jajuu O Yaang Huun magaalota ykn naannolee Itiyoophiyaatti argaman waliin hojjechuun filmaata jiran akka ilaalan gaafataniiru.

Bulchaan Odola Jajuu O Yaang Huun gamasaaniin hariiroo seena qabeessa Itiyoophiyaa fi  Kooriyaa Kibbaa jidduu jiru yaadachiisaniiru.

Ambaasaaddar Dasee Daalkee daawwannaa odola Jajuutti taasisan bulchaan odola Jajuu dinqisiifatanii, tumsa misooma dinagdee, tuurizimii fi aadaa akkasumas eegumsa naannoon biyyoota lamaan jidduu jiru cimsuun akka barbaachisu himaniiru.

Bulchaan odola Jajuu O Yaang Huun itti dabaluun Odolli Jajuu Finfinnee waliin wal jijjiirraa muuxannoo fi tumsa gochuuf fedhii akka qaban ibsuusaanii odeeffannoon ministeera alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015