Sagantaan ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa badhaate dhaloota dhufu dhaalchisuuf hojii hojjetamudha. - ENA Afaan Oromoo
Sagantaan ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa badhaate dhaloota dhufu dhaalchisuuf hojii hojjetamudha.

Caamsaa 11/2015 (TOI) :- Sagantaan ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa badhaate dhaloota dhufu dhaalchisuuf hojii hojjetamudha jedhan Itti aanaan pireezdaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraah.
Ministirri Qonnaa Doktar Girmaa Amantee akka jedhanitti, milkaa’ina Sagantaa ashaaraa Magariisaa marsaa tokkoffaa keessatti hirmaannaan qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoonni abbuummaan hojjetaan gahee olaanaa qaba.
Yaada ministirri Muummee FDRI doktar Abiy Ahimad maddisiisaniin kan jalqabame sagantaan ashaaraa magariisaa raawwii isaarratti gamagamni geggeeffama jira. Gamagamni kunis mata duree 'Misoomni ashaara magariisaa hojii misoomaa itti fufinsa qabuuf' geggeeffama jira.
Itoophiyaan sagantaa ashaaraa magariisaan bara 2011 biqiltuu biliyoonotaan lakka'aman dhaabuu kan jalqabde yoo ta'u sagantaa kana marsaa jalqabaan biqiltuu biliyoona 25 dhaabuun milkaa'inaan goolabdeetti.
Itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faraaha Itoophiyaan biyya lafa qonnaa bal'aa, laggeen gurguddoo bonaafi ganna yaa'an humna oomishu baay'ee kan qabdufi qabeenya biroo qabdudha jedhaniiru.
Haa ta’u malee, sababa jijjiirama qilleensaatiin, manca’iinsi biyyee, dhabamuu heddummina lubbu qabeeyyii fi balaan lolaa qormaata itti ta’aa jira jedhaniiru.
Kanaaf sagantaan ashaaraa magariisaa eegalame rakkoo kanaaf furmaata waaraa kan fidu ta’uu ibsaniiru.
Sagantaa ashaaraa magariisaa kanaan marsaa jalqabaan biqiltuuwwan biiliyoona 25 milkaa’inaan dhaabamuu isaanii eeranuun hojiin kunis karooraa ol kan hojjetame ta'uu himaniiru.
Itoophiyaan misooma ashaaraa magariisaa dabalatee damee hundaan bu’aa qabatamaa galmeessisaa akka jirtu eeruun, kadhattuu qamadii ta’uu irraa gara biyya oomisha qamadii ofii ishee barbaachisu guuttachuun gabaa alaaf dhiyeessituutti ce’uun milkoofte ta'uu himaniiru.
Sagantaan ashaaraa Magariisaa Itoophiyaa badhaate dhaloota dhufu dhaalchisuuf hojii hojjetamudhas jedhaniiru.
Kanaaf sagantaa ashaaraa magariisaa marsaa lammaffaas haaluma kan marsaa jalqabaan mikeessuuf hundi keenya qophaa'uu qabna jedhaniiru.