Itiyoophiyaatti maashiniin Teelee piriinterii kan jalqabaa ta’e Hambaa akka tahu muuziyeemii biyyaalessaaf kenname

546

Caamsaa 9/2015 (TOI)-Maashiniin Teelee piriinterii Amaariffaa kan jalqabaa lammii Itiyoophiyaa Injiinar Tarrafaa Raaswarqiin hojjetame hambaa tahee akka turu karaa maatiisaanii muuziyemii biyyaalessaaf kenname.

Daarektarri olaanaa abbaa taayitaa hambaa Itiyoophiyaa gargaaraa piroofeesaraa Ababaawu Ayyaaloo maashinichi muuziyeemii biyyaalessaa taa’uunsaa hambaan kun qabeenya ummataa akka tahuu fi dargaggoonni hojii kalaqaaf akka kaka’u gumaacha akka taasisu ibsaniiru.

Ilmi Injiinar Tarrafaa Raaswarq Izaanaa Tarrafaa yeroo darbe filmaanni teeknooloojii osoo hinbabal’atiin qorannoo fi qu’annoo gochuun kan hojjetame teelaapiriintariin kun dargaggoota yeroo ammaa  filmaata teeknooloojii qabaniif kaka’umsa akka uumu dubbateera.

Sirna walharkaa fuudhinsaa kanarratti kan argame “nama Ankobar  jenevitti” jedhuun seenaa jireenyaa Injiinar Tarrafaa Raaswarq kan barreesse Gaazexessaa Izraa Ijjiguu gamasaaniin hojiin kalaqaa kun dargaggootaa fi guddattoota ittiin barsiisuuf akka oolu himaniiru.

Injiinar Tarrafaa Raaswarq teelee piriintarii amaariffaa kan jalqabaa akka lakkoofsa Itiyoophiyaatti bara 1950 keessa kalaqanii paatentii kalaqaa Jarman Siimens irraa argataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015