Abubakar Naasiir Kilaba Afriikaa Kibbaa Maameeloodii Saandaawunsi waliin waancaa jalqabaa argamsiise

790

Caamsaa 9/2015(TOI) –Taphataa sarara duraa kan ta’e Abubakar Naasiir kilaba Afriikaa Kibbaa  Maameeloodii Saandaawunsi waliin waancaa piriimer liigii jalqabaa argamsiiseera.

Maameeloodii Saandaawunsi kaleessa galgala Istaadiyeemii Looftuus Versifiildtti Maariitzbarg Yuunaayitid waliin tapha torbee 30ffaa xumuraa taphateen goolii tokkoo fi tokkoon adda bahaniiru.

Maameeloodii Saandaawunsi taphoonni jaaha osoo isa hafuu waancaa liigii argachuusaa kan mirkaneesse  yemmuu ta’u, waancaa 13ffaa fudhateera.

Kilabichi qabxii 70’n sadarkaa tokkoffaa qabatee dorgommicha xumureera.

Abuubakar Naasiir baatii Hagayyaa bara 2014 Itiyoophiyaarraa kilaba Maameeloodii Saandaawunsiinitti kan makame yemmuu tahu kilabasaa waliin ta’uun waancaa jalqabaa argateera.

Dargaggoon umurii waggaa 23 kan ta’e Abuubakar Naasiir  piriimer liigii Afriikaa Kibbaatti taphoota sagal kilabasaaf taasiseen goolii lama galcheera.

Walumaa gala taphoota 12’n goolii lama galcheera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015