Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Itiyoophiyaa jalqabame

Caamsaa 8/2015(TOI)- Dorgommiin Shaampiyoonaa Atileetiksii Itiyoophiyaa har’a jalqabamuusaa federeeshiniin Atileetiksii Itiyoophiyaa ibse.

Shaampiyoonaan kun har’a Finfinneetti wayita jalqabamu utaalchoo dheeraa dubartootaan, dhiiraan utaalchoo olka’aan kan xumuraa akkasumas dhiiraa fi dubartootaan meetira 800’n dorgommiin xumuraa taasifamaniiru.

Kaayyoon dorgommichaa shaampiyoonaa Atileetiksii addunyaa akka lakkoofsa Awurooppaatti Mudde 19 amma 27 bara 2023tti Haangaarii Budaapeestitti taasifamuuf Atileetonni dandeettiisaanii akka beekan carraa uumuuf akka ta’e eerameera.

Kana malees Atileetota naannolee, bulchiinsota magaalaa, Kilabootaa fi jiddugaleessota leenjiitti argamaniif carraa dorgommii uumuu fi Atileetota bakka bu’an horachuufi jedhameera.

Shaampiyoonaan Atileetiksii Itiyoophiyaa bara 1963 irraa kaasee adeemsifamaa kan jiru yemmuu ta’u, Caamsaa 10 amma 13tti barana Finfinnee akkaadaamii Ispoortii Itiyoophiyaatti ni adeemsifama.

Itiyoophiyaan waggoota darban Atileetota waltajjiiwwan dorgommii ardii, idil addunyaa fi olompiikiirratti hirmaachuun kan  injifatan, alaabaan biyyaalessaa oljedhee akka fannifamu taasisan kan itti hirmaatanii  turanii fi kan itti hirmaatan  ta’uu odeeffannoon federeeshinicharraa argame nimul’isa.

Shaampiyoonichi dorgommiiwwan Atileetiksii hunda qabatee sadarkaasaa eegee akka adeemsifamu ta’uun ibsameera.

Naannoleen bulchiinsonni magaalaa, kilaboonni, dhaabbilee fi jiddugaleessonni guddina Ispoortii Atileetiksiif shoora olaanaa bahan Atileetotasaanii qabatanii kan itti hirmaatan akka ta’e ibsa federeeshinichi Kanaan dura kennerratti ibsameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015