Taphoonni piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 24ffaa har’as nitaphatamu

544

Caamsaa  8/2015(TOI)- Sagantaa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 24ffaatiin oolmaa guyyaa sadaffaatiin taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu.

Haala Kanaan guyyaa keessaa sa’aatii 9:00tti Lagaxaafoo Lagadaadhii Faasiil Kanamaa waliin nitaphatu.

Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra yemmuu taa’u, Faasiil Kanamaan qabxii 34’n sadarkaa 5ffaarra jira.

Lagaxaafoo Lagadaadhii taphoota piriimer liigii shan walitti aansuun taphateen tokkollee hinmo’anne. Sadii mo’amee lama walqixa baheera.

Morkataansaa Faasiil Kanamaan taphoota shaman darban taasiseen sadii mo’atee tokko mo’amee, al tokko ammoo qabxii qooddateera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin Faasiil Kanamaa goolii 3 fi 0’n mo’uunsaa niyaadatama.

T apha torbee 24ffaa kan biraatiin galgala sa’aatii 12:00tti magaalaan Dirreedawaa Itiyoophiyaa Madin waliin waliin nitaphatu.

Magaalaan Dirreedawaa qabxii 30’n sadarkaa 11ffaarra kan jiru yemmuu ta’u, Itiyoophiyaa Madin qabxii 41’n sadarkaa 3ffaa qabateera.

Magaalaan Dirreedawaa taphoota liigichaa shan taasiseen lama mo’atee sadii mo’atameera.

Morkataansaa Itiyoophiyaa Madin taphoota shan taphateen altokko mo’atee,lama mo’atamee al lama walqixa baheera.

Taphoonni lamaan tapha marsaa jalqaban taphataniin magaalaan Dirreedawaa goolii 3 fi 1’n mo’achuunsaa niyaadatama.

Haala walqabateen sagantaa piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 24ffaa oolmaa guyyaa lammaffaatiin magaalaan Arbaa Minci Walaayittaa Diichaa akkasumas Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa walqixxee waliin taphni taasisan goolii malee xumuramuunsaa niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015