Inistiraakter Daani’eel Gabramaariyam yeroof leenjisaa garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa ta’an

Caamsaa 8/2015(TOI) - Inistiraakter Daani’eel Gabramaariyam yeroof leenjisaa garee biyyaalessaa Itiyoophiyaa ta’anii muudamuusaanii federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa beeksise.

Federeeshinichi leenjiftoota garee biyyaalessaa yeroof hoogganan ifa taasiseera.

Waggoota lamaan darban federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa garee biyyaalessaa dursaa kan turan leenjisaa Wubatuu Abaatee waliin waliigalteen erga gargar bahanii booda leenjisaa itti aanu filachuuf koreen hojii raawwachiisaa federeeshinichaa marii taasisuusaa ibseera.

Haala Kanaan koreen kun daarektara teekniikaa ta’uun hojjechaa kan jiran Inistiraakter Daani’eel Gabramaariyam yeroo leenjisaa ta’uun taphoota itti aanan akka gaggeessan murteerra gahamuu himaniiru.

Kana malees koreen kun Inistiraakter Daani’eel akka gargaaran piriimer liigicha keessa hojjechaa kan jiranii fi bu’a qabeessummaa amma irra jiranirraa ka’uun fooyyee qabu kan jedhe leenjisaa magaalaa Bahaardaar Daggaaregee Yigzaawu leejisaa itti aanaa ta’anii akka hojjetan murtaa’uusaa eeraniiru.

Federeeshinichi leenisichaa fi kilabiisaanii magaalaa Bahaardaariif gaaffii dhiheessee eeyyamamaa waan ta’aniif leenjisaa itti aanaa ta’anii muudamuusaanii odeeffannoo fuula amrsariitiisaarratti baaseen ibseera.

Leenjisaan goolii eegaas yeroo dhihootti akka ifoomu beeksiseera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015