TOI’n afaanota biyya alaa fi biyya keessaa addaddaatiin Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf hojjechaa jira

427

Caamsaa 07/2015 (TOI) – Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa (TOI)’n afaanota biyya alaa fi biyya keessaa addaddaatiin aakasumas ogeessotasaa gahumsa qabaniin  Itiyoophiyaa addunyaatti beeksisuuf hojjechaa akka jiru beeksise.

Mana maree bakka bu’oota ummataatti  koreen dhaabbataa dhimmoota seeraa wixinee danbii hojjettoonni tajaajila Itiyoophiyaa ittiin bulanirratti waltajjii adeemsiseera.

Hojii raawwachiisaan olaanaa tajaajila oduu Itiyoophiyaa Seeyifee Darribee, sababaa fi barbaachisummaa wixineen danbii kun qophaa’eef ibsaniiru.

Ibsa kanaanis dhaabbatichi maalummaa biyya beeksisuuf, faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf, waliigaltee biyyaalessaa uumuuf akkasumas madda oduu amanamaa tahuusaa cimsuuf hojjechaa akka jiru himaniiru.

TOI’n galmasaa bara bara 2022’n Afriikaarraa dursaa fi madda oduu dorgomaa ta’uuf karoorfatee hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Kanaafis dhiibbaa uumuu danda’uun itti fufuuf hojmaata ammayyeessuu, milkaa’ina ergamasaaf afaanota biyya alaa fi biyya keessaatiin humna namaa horachuun waan barbaachiseef wixineen danbii hojjettoonni ittiin bulan waan barbaachiseef qopheessuusaa ibsaniiru.

Dhaabbatichi waliigaltee biyyaalessaa uumuufmul’ata qabate milkeessuuf ogeessota gahumsa qaban horachuu fi dandeettii teeknooloojii baraa fayyadamuuf  dandeessisu gabbifachaa jira jedhaniiru.

Kanaafis TOI’n madda odeeffannoo waan ta’eef odeeffannoowwan amanamoo, qindaa’ee fi oduu fi kanneen oduun walqabatan amansiisaa qaqqabsiisuuf humna namaa ogummaa fi dandeettiin cimaa ta’e waan barbaachiseef wixineen danbii hojjettoonni ittiin bulan qopheessuusaa dubbataniiru.

Danbichi ogeessota ergama dhaabbatichaa gahumsaan bahuuf kutannoo qaban, ogummaa addaa fi beekumsa qaban, naamusaan kan guutaman horachuu fi bulchuuf akka dandeessisu eeraniiru.

Kanaaf dhaabbatichi qajeelfamaa fi danbii siviil sarviisii Kanaan dura ittiin fayyadamu keessaa bahee danbii miidiyaa tahuusaa yaada keessa galche waan barbaachiseef muuxannoo miidiyaalee biyya keessaa fi biyya alaa ilaaluun danbichi qophaa’uusaa ibsaniiru.

Dhimmoota faayidaa hjjettootaa eegsisuuf, hojiitti bobbaasuu f bu’a qabeessummaa raawwii akkasumas dhimmoota seeraa fi hojmaataan walqabatan dhugoomsuuf danbichi qophaa’uusaa ibsaniiru.

Danbichi wayita hojiirra oolu hojjettoota dhaabbatichi hojii fi itti gaafatama labsiin kennameef gahumsaan bahachuuf amala miidiyaa biyya keessaa fi biyya alaa hubate ogummaasaa kutannoon bahatu uumuuf nidandeessisa jedhaniiru.

Danbii ittiin bulmaataa Industirii miidiyaa jijjiiramaa dhufe kan yaada keessa galche, humna namaa dorgomaa fi dhiibbaa uumu humna ogummaa uumuuf,  iftoominaa fi itti gaafatama mirkaneessuuf kan ittiin gaggeeffamudha jedhan.

Tajaajilli oduu Itiyoophiyaa ergama faayidaa biyyaa eegsisuu fiwaliigaltee biyyaalessaa uumuuf kennameef gahumsaan bahachuuf afaanota addaddaan hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Dhaabbatichi dhiheenyatti afaan Ingilizii fi Arabaantamsaasa Televijinii jalqabuu qophaa’aa waan jiruuf ogeessota argachuuf danbichi faayidaa olaanaa qaba jedhan.

Koreen dhaabbataa kun wixinee labsiirratti keewwata sirreessaa fi ibsa barbaadan irratti gaaffii fi yaada kaasaniiru.

Itti gaafatamtoonni dhaabbatichaa yaada ka’an fudhachuun gaaffilee deebii barbaadaniif ibsa kennaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015