Naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaatti sagantaan ashaaraa magariisaa yeroo arfaasaa marsaa jalqabame.

383

Caamsaa 7/2015(TOI) - Naannoo Uummatoota Kibba Lixa Itoophiyaatti sagantaan ashaaraa magariisaa yeroo arfaasaa marsaa jalqabame.

Sagantaa kanaan biqiltoonni fayidaa adda addaa qaban miliyoona 54 kan dhaabaman ta'uun himameera.

Sagantaa ashaaraa magariisaa kanas Itti aanaa Pirezidaantii Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Farahaa, Itti aanaa Pirezidaantii Naannichaa doktar Injiranar Nagaash Wageeshoo Godina Beenchii Shakkoo aanaa Beenchii Kibbaa Ganda Fanqaa jedhamutti jalqabsiisaniiru.

Naannichatti osoo ganni hin galiin yeroo arfaasaa keessa biqltoonnii miliyoona 54 ni dhaabbatu jedhamee eeggama.

Naannichatti bara 2015 waqtii gannaafi Arfaasaa walii galaan biqltoota miliyoona 180 akka dhaabaman ragaan Biiroo Qonnaa naannichaa irra argame ni mul'isa.

Sagantaan biqiltuu dhaabuu har'a jalqabame hanga dhuma ji'a Waxabajiitti kan itti fufu ta'uun himameera.

Sagantaa kana jalqabsiisuun cinaatti pirojeektii Maaddii biyyaatiin kan misoomuuf jiru keessa tokko kan ta'e Fincaa'aa Danbiifi haroo nam-tolchee naannichatti argamu obbo Adam Farahaa fi hoggantoonnii naannichaa biroon daawwataniiru.

Dabalataan godina Beenchii Shakkootti hopjii maaddii Guutuu hojjetama jirus daawwataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015