Jiraattota biyyaaf oolmaa oolanii fi dadhaboo ta’an guddina magaalattiirraa itti fayyadama haqa qabeessa akka ta’an cimnee nihojjenna-Kantiibaa Adaanech Abeebee - ENA Afaan Oromoo
Jiraattota biyyaaf oolmaa oolanii fi dadhaboo ta’an guddina magaalattiirraa itti fayyadama haqa qabeessa akka ta’an cimnee nihojjenna-Kantiibaa Adaanech Abeebee

Caamsaa 7/2015(TOI) - Jiraattota biyyaaf oolmaa oolanii fi dadhaboo ta’an guddina magaalattiirraa itti fayyadama haqa qabeessa akka ta’an cimnee nihojjenna jedhan Kantiibaa Adaanech Abeebee.
Kantiibaan bulchiinsa magaalaa Finfinnee adde Adaanech Abeebeetola ooltummaa gannaatiin haaromsa manneen kuma 3 fi 500 har’a jalqabsiisuusaanii ibsaniiru.
Kantiibaa Adaanech Abeebee ergaa fuula marsariitiisaaniirratti dabarsaniin “pirojektoota gurguddoo magaalaa keenya jijjiiruu danda’an ijaaruun cinaatti hojiilee keenya namarratti xiyyeeffataniin jiraattota biyyaaf oolmaa oolanii fi humna hinqabne guddina magaalattiirraa fayyadamoo haqa qabeessa akka ta’an hojii jalqabne cimsinee itti fufna” jedhan.
Itti fufuunis ”kabajamoo ministira muummee keenya guyyoota sadii dura hojiin tola ooltummaa gannaa jalqabsiisaniin walqabatee nuhis har’ahaaromsa manneen kuma 3 fi 500 jalqabsiifneerra” jechuun ibsaniiru.
Abbootii qabeenyaa fi ummata qindeessuun sagantaa haaromsa manaa rakkoo jiraattitaa furuu dandeessisu jalqabsiisuusaanii dubbataniiru.
Kantiibaa Adaanech ergaa dabarsaniin “haaromsa manaa kan jalqabne kutaa magaalaa Lidataa bakka ‘qorqoorroo safar’ jedhamee waamamutti abbootii warraa waggoota 18 ol mana qorqoorroo keessa jiraatan 134 fi mana jireenyaa abbootii warraa 15 kutaa magaalaa Araadaa naannawa riqicha raas Mokonnin jiraataiif haaromsa jalqabsiisuuni” jedhan.
“Pirojektoota gurguddoo magaalaa keenya jijjiiran ijaaruun cinaatti hojiilee keenya namarratti xiyyeeffataniin jiraattota biyyaaf oolmaa oolanii fi humna hinqabne guddina magaalattiirraa fayyadamoo haqa qabeessa akka ta’an hojii jalqabne cimsinee itti fufna” jedhan.