Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 24ffaatiin har’a taphoonni lama nitaphatamu

513

Caamsaa 7/2015(TOI)- Sagantaa Piriimer Liigii Itiyoophiyaa torbee 24ffaa oolmaa guyyaa lammaffaan taphoonni lama Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu.

Akkaataa sagantaa kanaatiin guyyaa sa’aatii 9:00tti magaalaan Arbaa Minci Walaayittaa Diichaa waliin nitaphatu.

Magaalaan Arbaa Minci qabxii 24’n sadarkaa 14ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira, Walaayittaa Diichaa qabxii 31’n sadarkaa 10ffaarra jira.

Magaalaan Arbaa Minci tapohoota Piriimer Liigii shan Kanaan dura taasiseen homaa hin mo’anne, lamaan mo’amee sadiin ammoo walqixa baheera.

Morkataansaa Walaayittaa Diichaan taphoota liigichaa shan walitti aansuun Kanaan dura taasiseen lama mo’atee, tokko mo’atamee,al lama ammoo qabxii qooddateera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin goolii malee qabxii walqixaan xumuramuunsaa niyaadatama.

Tapha torbee 24ffaa kan biraatiin Hadiyyaa Hoosaa’inaa magaalaa Walqixxee waliin galgala  sa’aatii 12:00tti nitaphatu.

Hadiyyaa Hoosa’inaan qabxii 32’n sadarkaa 6ffaarra yemmuu jiraatu magaalaan Walqixxee qabxii.

Hadiyyaa Hoosaa’inaa taphoota liigichaa walitti aanan shaman darbaniinlama mo’atee tokko mo’ameera, al lama ammoo qabxii qooddateera.

Morkataansaa magaalaan Walqixxee taphoota liigichaa shan darbaniin lama mo’tee lamaan ammoo mo’ameera, altokko ammoo qabxii qooddateera.

Taphni kilaboonni lamaan marsaa jalqabaatiin taphatan goolii malee walqixa xumuramuunsaa niyaadatama.

Oduu walfakkaatuun taphoota guyyaa jalqabaa piriimer liigii torbee 24ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Itiyoophiyaa Itiyoo elektiriik akkasumas magaalaan Bahaardaar magaalaa Adaamaa goolii walfakkaataa goolii 1 fi 0’n mo’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015