Hojiin Boba'aa xiyyaaraa qilleensa faaluurra bilisa ta'e biyya keessatti oomishuu jalqabamuuf akka jiru himame.

329

Caamsaa 6/2015(TOI) ፡- Boba'aa xiyyaarri ittiin deemuu kan qilleensa faaluurra bilisa ta'e biyya keessatti oomishuu akka jiru Daandiin Qilleensa Itoophiyaa beeksise.

Walitti qabaan boordii Daandii qilleensa Itoophiyaa obbo Girmaa Waaqeefi Hoji geggeessaan olaanaa Daandii Qilleensicha obbo Masfin Xaasoo turtii TOI waliin taasisaaniin akka himanitti, sochiin boba'aa Xiyyaarri ittiin deemuu biyya keessatti oomishuu dandeesisu jalqabameera.

Daandiin qilleensichaa karoora Waldaan Abbaa Taayitaa Sivili'aveyeeshinii Idil addunyaa bara 2050tti hanga Kaarboonii gara qilleensaatti gad dhiifamu zeeroo taasisuu qabatee jiru dursee milkeesuuf haala isa dandeesisurra jira jedhaniiru.

Daandiin qilleensichaa amala indastirii Sivili'aveyeeshinii Idil addunyaa yeroo yeroon jijjiramu bu'uura godhachuun adeemsa ammayyaa haala yeroo waliin deemu hordofaa jiraachuu walitti qabaan boordii daandii qilleensichaa himaniiru.

Haaluma kanaan Boba'aa Xiyyeeraa faalama qilleensaa hin uumne biyya keessatti oomishuuf qorannoon dandeesisu hojjetamee xumurameera jedhaniiru.

Qorannoo kanaan boodaas qamolee Mootummaa dhimmi ilaallatuufi qooda fudhatootaa dhuunfaa dhimmi ilaallatu waliin mariyachuun gara hojii qabatamaatti galameera jedhaniiru.

Milkaa'ina hojii kanaafis kubaaniyaawwaan Xiyyaaraa Booyinig, Eer Baasfi Ayaataan deeggarsa nuuf taasisaa jira jedhaniiru.

Hoji geggeessaan olaanaa Daandii Qilleensa Itoophiyaa Masfiin Xaasoo gama isaaniin hojiin boba'aa Xiyyaaraa faalama qilleensaarraa bilisa ta'e biyya keessatti oomishuu jalqabamuu himaniiru.

Kanaafis Daandiin Qilleensichaa Dhaabbalee Boba'aa dhiheessaaniifi dhaabbilee tekinolojii waliin hojjechaa jiraachuu himaniiru.

Boba'aan Xiyyaaraa faalama qilleensaarraa bilisa ta'ee bo'aa hafteewwaan adda addaarraa qophaa'uu yoo ta'uu hanga Kaarboonii qilleensa keessa jiruu kan xiqqeessudha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015