Fiigichi Guddichi Boqojjii marsaa lammaffaan geggeeffamaa jira. - ENA Afaan Oromoo
Fiigichi Guddichi Boqojjii marsaa lammaffaan geggeeffamaa jira.

Caamsaa 6/2015 (TOI) :- Fiigichi Guddichi Boqojjii marsaa lammaffaan geggeeffama jira.
Fiigicha kana Ministeera Tuurizimiifi Fiigicha Guddaa Itoophiyaatu waliin ta’uun qopheesse.
Sagantaa kanarratti Ministirri Tuurizimii Ambaasaaddar Naasisee Calii, Itti aanaa Pireezidaantii Naannoo Oromiyaa obbo Awaluu Abdii fi keessummoonni biroon argamaniiru.
Kaayyoon dorgommii bakka gahumsaa turizimii biyya keessaa guddisuu fi turizimii ispoortii dagaagsuudha jedhameera.
Fiigichi Boqojjii fiigicha gaheesoonnii irratti hirmaatan kan kiiloo meetira 12 dabalatee fiigicha daa'imman waggaa 15 fi 11 gadiis ni hirmatu.
Dorgommiicha daa'iimman injifatan Akkaadaamii Xuruneesh Dibaabaatti carraa leenjii akka argaam haalli ni mijeeffamaf jedhameera.
Dorgommii ga’eessota gidduutti taasifamuun mo’attoonni gara Keeniyaa deemuun dorgommii atileetiksii Eldoreetitti gaggeeffamu irratti akka hirmaatan ibsameera.