Hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf

1255

Caamsaa 6/ 2015 (TOI)፦  Kantiibaan Bulchiinsa magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebee hojjetoonni ittisa balaa lubbuu oolchuuf jecha kan lubbuu isaanii kan kennitan waan ta'eef galatatu malaaf jedhan.

Aadde Adaanech sirni kabaja guyyaa ittisa balaa tasaafi ibiddaa Finfinneetti kabajamaa jirurratti Waggoota lamaan darban balaa tasaafi ibiddaa ittisuuf xiyyeeffannoon kennamee, dhaabbata ammayyaa humna namaafi sirna cimaa qabu guddina magaalichaa waliin kan deemu meeshaalee galteef oolan gahaa akka qabaatu xiyyeeffannoon hojjetameera jedhaniiru.

Guyyaan ittisa balaa tasaafi Ibiddaa akka idil addunyaatti yeroo 24ffaaf akka Itoophiyaatti immoo yeroo 2ffaaf Finfinneetti kabajamuu ragaan miidiyaa hawaasummaa waajjira kantiibaa magaalichaarra argame ni mul'isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015