Itiyoophiyaatti hubannoo saayinsii Hawaa cimsuu fi damee kanatti humna nama baratee horachuuf hojjetamaa jira-Soosaayittii saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa

540

Caamsaa 5/2015(TOI) - Itiyoophiyaatti hubannoo saayinsii Hawaa cimsuu fi damee kanatti humna nama baratee horachuuf itti gaafatamasaa bahachaa akka jiru soosaayittiin saayinsii Hawaa Itiyoophiyaaibseera.

Soosaayitiin saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa yaa’iisaa waliigalaa 18ffaahar’a adeemsiseera.

Miseensonnisaa yunivarsiitiiwwan addaddaarraa dhufan, miseensonni boordii fi qaamoleen bulchiinsaa yaa’ii kanarratti argamaniiru.

በIbsoonni saayinsaawa fi imalli soosaayitichaa waggoota 18 walittii qabduu boordichaa Masanbat Shanquxeetiin dhihaateera.

Soosaayitichi bara bajataa kanatti rakkoolee mudatanii fi hojiiwwan bu’a-qabeessa hojjetan dhiheessaniiru.

Soosaayitichi damee saayinsii Hawaatiin barnoota hubannoo uumanii fi hojiilee gabbisa dandeetti irratti xiyyeeffatee hojjechaa akka jiru eeraniiru.

Gahumsa saayinsii guddisuuf leenjiiwwan Hawaa fi lafa waliin walqabatan kennuun hubannoo damee Kanaan jiru guddisuuf hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Carraa barumsa alaa barattootaaf mijeessuun humni namaa biyyittiin damee Kanaan qabduakka gabbatu gochuuf yaaliiwwan taasifamaa akka jiran kaasaniiru.

Soosaayitichi Itiyoophiyaa egeree guddina teeknooloojii Hawaatiin kan ga’oomsu hawaasa saayinsii hawaa badhaadhe uumuuf akka hojjetu dubbataniiru.

Hojii gaggeessaan soosaayitii saayinsii Hawaa Itiyoophiyaa Buruuk Tarrafaa gamasaaniin saayinsii hawaa fi teeknooloojiibiyyattiitti beeksisuuf hojjechaa akka jiru dubbataniiru.

Leenjiiwwan hubannoo saayinsii hawaa fi teeknooloojii hawaasaa guddisuuf dandeessisan kennamaa akka jiran ibsaniiru.

Keessumaa sagantaa leenjjii hawaa gannaa barattoota tokko ta’uu kaasaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015