Tamsaasa Kallatti:

Naannoo Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf hojjetamaa jira-Shimallis Abdiisaa

Caamsaa 4/2015(TOI)- Naannoo Oromiyaatti oomishaa fi oomishtummaa qamadii dabaluuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jira jedhan Pirezidaantiin naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa ibsan.

Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa “egzibiishinii saayinsii qonnaa” mata duree “laaboraatooriirraa gara makarachuutti” jedhu qophaa’e dawwataniiru.

Dameen qonnaa humna namaa, teeknooloojii fi maallaqaan xiyyeeffannoo guddaa argachuusaa ibsanii, haala Kanaan qonnaan bulaa fi horsiisee bulaan bu’aa dinqisiisaa fuduurratti akka argamu dubbataniiru.

Bu’aaleen qoranno agarsiisaaf dhihaatanii muuxannoon akka irraa fudhatamu taasisuuf egzibiishinichi murteessaa tahuu ibsaniiru.

Bu’aaleen qonnaa oyiruurratti qofa osoo hinta’iin muuziyeemii saayinsiitti dhihaachuunsaanii dhaloonni damee kana akka hubatuu fi akka irraa baratu ni dandeessisa jedhaniiru.

Xiyyeeffannoo addaa mootummaan waggoota arfan darban damee qonnaaf kenneen jijjiiramoonni dhufuusaanii dubbataniiru.

Jijjiirama dura sadarkaa naannoo Oromiyaatti qamadiin kuntaalli miiliyoona 30 qofa akka oomishamaa ture ibsanii, yeroo ammaa kuntaala miiliyoona 100 oomishuun akka dandahame eeraniiru.

Waggaa dhufus oomisha qamadii kana gara kuntaala miiliyoona 180tti guddisuuf hojjetamaa akka jirueeraniiru.

Hirmaattonni TOI’n daawwannaa kanarratti dubbise egzibiishiniin akkanaa qophaa’uunsaa muuxannoo waljijjiiruun oomishnii fi oomishtummaan qonnaa akka guddatu nitaasisa.

Saayinsoonni qonnaa egzibiishinicharratti dhihaatan naannawasaaniitti geessuun oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf akka itti fayyadamanis ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015