Itiyoophiyaa fi Paakiistaan damee Saayinsii fi teeknooloojiin waliin hojjechuuf waliigalan

Caansaa 4/2015(TOI) - Itiyoophiyaa fi Paakiistaan damee Saayinsii fi teeknooloojiin waliin hojjechuuf mallatteessan.

Ministeerri Innoveeshinii fi teeknooloojii fi ministeerri saayinsii fi teeknooloojii Paakiistaan waliigaltee kana mallatteessaniiru.

Sirna mallattoo Paakiistaan magaalaa Izlaamaabaaditti raawwatame kanatti akka ibsametti, waliigalteen kunbiyyoonni lamaan muuxannoo damee Kanaan qaban kan waljijjiiranii fi dandeettiisaanii kan ittiin gabbifatanidha.

De’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii doktar Fooziyaa Amiin waliigalteen kun dhaabbileen saayinsii fi kalaqaa waliin hojjechguuf carraa ni uuma jedhaniiru.

Walitti hidhiinsa dhaabbilee barnootaa olaanaa fi Industiriiwwanii gabbisuuf hojiiwwan hojjetaman guddisuun xiyyeeffannoo waliigaltichaa isa olaanaa tahuu ibsaniiru.

Waliigalteen kun Itiyoophiyaan muuxannoo Paakiistaan dameelee huccuu fi faarmaasiiyutikaaliin uummterraa horachuuf carraa kan uumu tahuu yaadachiisaniiru.

Gorsituun olaantuu saayinsii fi teeknooloojii Paakiistaan Zayinuul Abediin waliigaltichi Itiyoophiyaa fi Paakiistaan jidduutti damee waliigaltee haaraa kan uumu tahuu eeraniiru.

Kunis biyyoonni lamaan kalaqa gama saayinsii fi kalaqaan uuman akka gabbifatan fi cehumsi beekumsaa akka jiraatu bu’uura kan uumudha jedhan.

Ministeerichi yeroo gabaabaatti raawwiitti seenuuf qophii taasisuun ibsameera.

Karoorri waloo raawwii waliigaltichaa akka qophaa’u odeeffannoon ministeera dhimma alaarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015