Qajeelchi waliigalaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa sagantaa imala jijjiiramaa fi milkaa’inaa waggoota shanii adeemsisaa jira - ENA Afaan Oromoo
Qajeelchi waliigalaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa sagantaa imala jijjiiramaa fi milkaa’inaa waggoota shanii adeemsisaa jira

Caamsaa 4/2015 (TOI) - Qajeelchi waliigalaa ittisa yakkaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa sagantaa imala jijjiiramaa fi milkaa’inaa waggoota shanii yaadatu adeemsisaa jira
Komishinar jeneraalaa poolisii federaalaa Itiyoophiyaa Gammallaash Gabramikaa’el, itti aanoo komishinaroonnii fihooggantoonnii fi miseensonni poolisii federaalaa sagantaa kanarratti argamaniiru.
Miseensonni poolisii federaalaa nagaa Itiyoophiyaa fi nageenya ummatashee eegsisuuf aarsaa kafalan sagantaa Kanaan niyaadatamu.
Gootota rakkoolee nageenyaa iddoowwan addaddaatti mudatan qabbaneessuuf falman beekamtii fi badhaafni nikennama.
Poolisii federaalaa Itiyoophiyaa dabalatee waggoota shaman darban hojiiwwan riifoormii qaamota nageenyaarratti hojjetamuunsaa nibeekama.
Sagantaan yaadannoo guyyaa har’aa imala jijjiiramaa fi milkaa’ina waggoota shananii qajeelcha walii gala poolisii federaalaa Itiyoophiyaa agarsiiftuu riifoormii kanaa ta’uun eerameera.