Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa “egzibiishinii saayinsii qonnaa” mataduree “laaboraatooriirraa gara makarachuutti” jedhuun qophaa’e daawwatan

372

Caamsaa 4/2015(TOI) - Pirezidaantiin mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaa “egzibiishinii saayinsii qonnaa” mataduree “laaboraatooriirraa gara makarachuutti” jedhuun qophaa’e daawwatan.

Pirezidaantii naannoo Oromiyaa dabalatee hooggantoonni olaanoo naannichaa, abbootiin Gadaa fi qonnaan bultoonni moodala ta’an daawwannaa kanarratti argamaniiru.

Ministeerri qonnaa, inistiitiyuutiin tiraanisfoormeeshinii qonnaa fi Itiyoo telekoom waliin tahuun egzibiishinii muuziyeemii Saayinsiitti adeemsifamaa jiru kana daawwataniiru.

Galmi egzibiishinii kanaa ashaaraa sirni hojmaata qonnaa biyyattii kaa’ee fi kallattii hojiirra oolmaa warraaqsa dijitaalaa agarsiisuudha jedhameera.

Teeknooloojiiwwan ammayyaa hojiiwwan qorannoo fi kalaqaa damee qonnaarratti bobba’an 70 ol, qonni dijitaalaayizeeshinii fi faayinaansii qonnaarratti xiyyeeffatan agarsiisarratti dhihaataniiru.

Egzibiishinichi kanneen damee qonnaarratti bobba’an, qaamoleen qooda fudhattootaai fi deeggartootaa hojmaatotaa fi muuxannoowwan  biyyaalessaa, ardii fi idil addunyaa gabbisuuf carraa kan uumudha jedhameera.

Kana malees hojii qonna meekaanaayizeeshinii biyyattiitti jalqabame caalaatti akka gabbatu kan taasisu ta’uun ibsameera.

Egzibiishinii muuziyemii saayinsiitti qophaa’e kana ministirri muummee Abiyyi Ahimad Ebla 30 bara 2015 banuunsaanii niyaadatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015