Paarkii biyyaalessaa Godina Iluu Abbaaboor hundeessuuf hojiilee haalduree hojjetamaa akka jiran ibsame

444

Caamsaa 3/2015 (TOI) – Naannoo Oromiyaa godina Baaleetti “paarkii biyyaaleessaa Iluu Abbaaboor” hojiiwwan haal duree hojjetamaa akka jiran ibsame.

Waltajjiin paarkicha hundeessuuf kaayyeffatee fi qooda fudhattoota hirmaachise  magaalaa Mattuutti adeemsifameera.

Bulchiinsi godina Iluu Abbaaboorii fiYunivarsiitiin Mattuu waltajjicha waliin kan qopheessan yemmuu ta’u, bakka bu’aan biiroo turizimii naannoo Oromiyaa, qooda fudhattoota aanaalee godinihaarraa walitti babahan dabalatee qorattoonni damee kanaa Yunivarsiitii Jimmaarraa afeeraman waltajjicharratti hirmaataniiru.

Bulchaan godina Iluu Abbaabooraa obbo Indaalkaachoo Tafarii wayita kana akka jedhanitti bosona godinichatti argamuun walqabatee beelladoonni bosonaa akka jiran dubbataniiru.

Bosona uumamaan gamatti sagantaa Ashaaraa magariisaan walqabatee uwwifni bosonaa guddachaa dhufuu kaasaniiru.

Qorannoo taasifameen uwwifni bosona godinochaa dhibbantaa 60 ol akka gahe ibsanii, kana cimsinaan itti fufuun qabeenya uumamaa bosonaan wal qabatan kunuunsuun faayidaa biyyaaf oolchuuf xiyyeeffannoon nihojjetama jedhaniiru.

Kanneen keessaas paarkii biyyaalessaa hundeessuu fi qabeenya uumamaa fi nam-tolchee misoomsuun hawata turizimiif oolchuun hojii isa guddaa ta’a jedhan.

Hundaa’uun Paarkii kanaa misoomaa fi hawata turizimiin walqabatee fayyadama dinagdee godinichaa fi biyyaaf carraa gaarii waan uumuuf akka carraa gaariitti kan ilaalamudha jedhan.

Hojii haalduree hojjetameen lafi heektaara kuma 28 ol daangeffamuu ibsanii, gosoonni bqiltuu fi beelladaa bay’een askeessatti akka argaman qorannoon mirkanaa’uusaa ibsaniiru.

Yunivarsiitii Mattuutti itti aanaa pirezidaantii qorannoo fi qu’annoo walitti hidhiinsa Hawaasaa doktar Baddiluu Takkaa gamasaaniin hundaa’uun paarkiin biyyaalessaa Iluu Abbaaboor  faayidaa Tuuriizimiin alatti barattoota Yunivarsiitichaaf daawwannaa dirree fi dhimmoota walfakkaataniif  dhiheenyatti carraa akka argatan isaan dandeessisa jedhan.

Kanaa ammoo Yunivarsiitichi ogeessota damee Kanaan qabuun qorannoo taasisuun gamatti hundeeffama paarkii kanaaf akka dhaabbataatti gumaacha irraa eegamu akka taasisu insaniiru.

Naannoo Oromiyaatti daarektarri eegumsaa fi kunuunsa eegumsa naannoo fi qindeessaan inisheetiivii misooma paarkiiwwanii obbo Daawuud Muummee akka jedhanitti humna yeroo ammaa naannicha jiru irratti hundaa’uun paarkiiwwan 19 fi iddoowwan iikoo Tuurizimii 17 hundeessuuf hojiileen bal’aan hojjetamaa jiru.

Akka Kanaan paarkii Iluu Abbaaboor fi Iikoo tuuriizimii fincaa’aa Soor dursaan hundeessuuf bulchiinsa godinaa waliin ta’uun hojiin daangessuu fi kaartaa xumuruuf hojiileen haalduree hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015