Tamsaasa Kallatti:

Waliigalteen  bulchiinsa laga yaaddoo balaa lolaa laga Hawaas gadii hir’isuuf gargaaru mallatteeffame

Caamsaa 3/2015(TOI)-Ministeerri bishaanii fi Inarjii waliigalteen  hooggansa lagaa yaaddoo balaa lolaa laga Hawaas gadii hir’isuuf gargaaruu fi baasii birrii miiliyoona 43 ol gaafatu korporeeshinii konistiraakshinii  hojiiwwan bishaanii Affaar waliin mallatteesseera.

Ministeera bishaanii fi inarjiitti de’eetaan ministiraa damee bulchiinsa bishaanii doktar Abrihaa Addunyaa fi hojii raawwachiisaan olaanaa dhaabbatichaa obbo Alii Muusaa waliigalticha mallatteessaniiru.

Lagni Hawaas hawaasa naannawaarratti irra deddeebi’uun miidhaa qaamaa fi meeshaa geessisaa akka jiru de’eetaan ministiraa kun ibsaniiru.

Yaaddoo balaa lolaa hir’isuuf baatii Eblaa keessa laga Hawaas gara gubbaatti waliigalteen hojii bulchiinsa lafaa taasifamee hojjetamaa akka jiru beeksisaniiru.

Jijjiirama qilleensaa amma mul’atu waliin walqabatee bokkaan baa’ee roobaa waan jiruuf hawaas gadii iddoowwan balaa geessisuu danda’urratti xiyyeeffachuun korporeeshiniin konistiraakshinii hojiiwwan bishaanii Affaar kallattiin seenee waliigaltee hojii bulchiinsa lagaa raawwachuu dubbataniiru.

Korporeeshinichi akkaataa waliigaltichaatiin galtee barbaachisu dhiheessuun, hooggansa hojii cimsuu fi hordoffii cimaa taasisuun balaa lolaa irra deddeebi’ee mudatu hir’isuuf akka hojjetu de’eetaan ministiraa kun waamicha taasisaniiru.

Hojii raawwachiisaan olaanaa korporeeshinii konistiraakshinii hojiiwwan bishaanii Affaar obbo Alii Muusaa lolaan kun aanaalee lama Hawaas gadiitti argaman irratti namaa fi qabeenyarratti miidhaa geessisaa jira jedhan.

Naannichi hojii bulchiinsa lagaa akka hojjetu taasifamuunsaa carraa gaarii ta’uusaa fi dhaabbatichi ministeericha waliin ta’uun hojii kana yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf akka hojjetu ibsuusaanii odeeffannoon ministeera bishaanii fi inarjiirraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015