Taphoonni Piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 23ffaa kan xumuraa har’a nitaphatamu

496

Caamsaa 3/2015(TOI) - Taphoonni Piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 23ffaa kan xumuraa har’a Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu.

Akka Kanaan guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Machaal Qiddus Giyoorgis waliin nitaphatu.

Machaal qabxii 29’n sadarkaa 11ffaarra yemmuu jiraatu, Qiddus Giyoorgis qabxii 51’n sadarkaa tokkoffaarratti argama.

Machaal tapha piriimer liigii shaman darbaniin lama mo’atee sadiin ammoo mo’ameera.

Qiddus Giyoorgis ammoo taphoota shaman darbaniin afur mo’atee al tokko ammoo qabxii qooddateera.

Qiddus Giyoorgis tapha har’aa yoo mo’ate garaagarummaa qabxii magaalaa Bahaardaar waliin qabu toorbatti niguddisa.

Taphni Kilaboonni lamaan marsaa jalqabaa taasisan goolii malee xumuramuunsaa niyaadatama.

Sagantaan tapha xumuraa torbee 23ffaa liigichaatiin galgala sa’aatii 12tti magaalaa Walqixxee fi Lagaxaafoo Lagadaadhii jidduutti nitaphatama.

Magaalaan Walqixxee qabxii 25 qabatee sadarkaa 13ffaarra yoo jiraatu, Lagaxaafoo Lagadaadhii qabxii 11’n sadarkaa xumuraa 16ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira.

Tapha liigichaa darban shaniin Magaalaan Walqixxee tokko yemmuu mo’atu, sadiin mo’amee al tokko qabxii qooddateera.

Morkataansaa Lagaxaafoo Lagadaadhii gamasaatiin taphoota liigichaa shan taphateen alsadii mo’amee al lama walqixabaheera.

Taphni kilaboonni marsaa jalqabaatiin taasisaniin magaalaan Walqixxee goolii 3 fi 0’n mo’achuun niyaadatama.

Haala walfakkaatuun taphoota torbee 23ffaa kaleessa taphatamaniin Bunni Sidaamaa goolii 1 fi 0’n Itiyoophiyaa Madin mo’ateera. Magaalaan Hawaasaa fiHadiyyaa Hoosaa’inaa goolii malee adda bahaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015