Duudhaalee fi jechoonni sirna Gadaa keessatti dhimma itti bahaman qoratamanii dhalootaf akka darbam hojjetama jira.

475

Caamsaa 2/2015 (TOI):- Duudhaalee fi jechoonni sirna Gadaa keessatti dhimma itti bahaman qoratamanii dhaloota dhufuuf akka darban hojjechaa jiraachuu Inistiitiyuutiin Qorannoo Oromoo beeksise

Mariin duudhaaleefi jechoota sirna Gadaa fi Irreecha kessatti dhimma itti bahaman irratti xiyyeeffate Yuunivarsiitii Jimmaatti geggeeffameera.

Marii kanarratti hayyoonnii damee kanaafi qooda fudhatoonni argamaniiru.

Daarektarri Olaanaa Inistiitiyuutii Qorannoo Oromoo obbo Dirribaa Tarfaa marii kanarratti  sirni Gadaa sirna blchiinsaafi jiruuf kireenya hawaasummaa ummata Oromoo waan ta’eef, duudhaaleen isaas haala qindaa’een qoratamuu fi galmaa’uu qabu jedhaniiru.

Uummanni Oromoo abbaa aadaa fi seenaa bal’aa ta’uus, kanaan dura waa’een duudhaafi aadaan isaa haala gaariin qoratamee ifa ta'uu dhabuu isaarran kan ka'e haala gaariin hin beeksifamne jedhaniiru.

 Hanqina kana furuuf barsiisonni, gareewwan qorannoo fi qaamonni dhimmicha irratti hirmaatan jechoota sirna Gadaa keessatti dhimma itti bahaman irratti qorannoo taasisuun galmeessaa akka jiran himaniiru.

Haala kanaanis sirna Gadaa keessatti jechoota ummanni haala adda addaa bakka adda addaatti  itti fayyadamu hayyootaan walitti qabamanii bifa qindaa’een  akka galmaa’uu hojjetamaa jira kedhaniiru. .

Pireezidaantiin Yuunivarsiitii Jimmaa Doktar Jamaal Abafixaa pirojektoota qorannoo gurguddoo Yuunivarsiitiin Jimmaa gaggeessan keessaa tokko qorannoo guddina jechootaa fi ibsa sirna Gadaa irratti xiyyeeffate ta’uu beeksisaniiru.

Kanaan dura haala faffaca’een kan hojjetamaa ture qorannoon aadaa Oromoo amma dhaabbilee barnoota olaanoo fi wiirtuuwwan gurmaa’an keessatti eegalamuun hojii jajjabeessadha jedhaniiru. 

Dhaloonni akka seenaa fi aadaa abbootii isaa irraa dhaalette tokkummaan dhaabbatee  faayidaa biyyaaf akka hojjatu  duudhaaleefi jechoonni sirna gadaa keessatti argaman qoranoorratti hundaa'iim xiinxalamanii  "insaayikilooppiidiyaa" irratti akka galmaa'an gochuun barbaachisaadha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015