Igaad walgargaarsa dhaabbilee quunnamtii hawaasaa biyyaalessaa biyyoota Afriikaa bahaa waliin qabu nicimsa-Doktar Warqinee Gabayyoo

Caamsaa 2/2015 (TOI) - Igaad walgargaarsa dhaabbilee quunnamtii hawaasaa biyyaalessaa biyyoota Afriikaa bahaa waliin qabu cimsuuf akka hojjetu barreessaan olaanaa dhaabbatichaa doktar Warqinee Gabayyoo dubbatan.

Abbaan taayitaa Igaad Teessoo dhaabbatichaa Jibutiitti walgahii waloo quunnamtii hawaasaa biyyaalessaa biyyoota miseensotaa waliin walgahii adeemsiseera.

Barreessaan olaanaa Igaad doktar Warqinee Gabayyoo wayita kana akka jedhanitti, quunnamtiin hawaasaa yaadota madaqsuun toora tokkoon akka deeman gochuurratti qooda olaanaa qabu.

Haala Kanaan quunnamtiin hawaasaa carraa egeree hawaasaa, ummataa ykn biyyaa kallattiinis ta’e alkallattiin murteessuun
gumaacha akka qaban eeran.

Ammas taanaan ummattoonni hedduun bakka addaddaa jiran raadiyoo, televijinii fi Gaazeexaa akka madda odeeffannoo guddaatti kan itti fayyadaman ta’uu kaasaniiru.

Haala Kanaan dhaabbileen quunnamtii hawaasaa biyyoota miseensotaa keessa jiran naannawichatti nagaa fi tasgabbii, bulchiinsa gaarii akkasumas misooma waaraa fiduuf hojjechaa turuu ibsaniiru.

Dhaabbileen quunnamtii hawaasaa kunneen fuula duras gumaacha gaarii kana cimsanii akka itti fufan gaafatanii Igaad walgargaarsa dhaabbilee kanneen waliin qabu cimsee itti fufa jedhaniiru.

Kunis Igaad nageenya waloo, akkasumas misooma mirkaneessuuf akka isa dandeessisu eeraniiru.

 Ammas taanaan quunnamtiin hawaasaa Igaadii fi hooggantoonni  biyyoonni naannawichaa Sudaanitti nageenya fiduuf yaalii  taasisanii fi rakkoolee quunnaman ilaalchisuun gabaasuu fi ummata hubachiisuu akka qaban himaniiru.

Dhaabbileen quunnamtii hawaasaa walitti hidhiinsa isaanii cimsuun gabaasa hojjetan ummattoota naannawichaa qofarratti osoo hin murtaa’iin Ardii Afriikaas akkasumas addunyaa kan qaqqabu ta’uu akka qabaatu dubbataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015