Taphoonni piriimer liigii torbee 23ffaa har’as nitaphatamu

571

Caamsaa 2/2015(TOI) – Sagantaa piriimer liigii Itiyoophiyaa torbee 23ffaa oolmaa guyyaa sadaffaatiin taphoonni lama Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu.

Har’a guyyaa keessaa sa’aatii 9tti Itiyoophiyaa Madin Buna Sidaamaa waliin nitaphatu.

Itiyoophiyaa Madin qabxii 41’n sadarkaa sadaffaa yemmuu qabatu Bunni Sidaamaa ammoo qabxii 24’n sadarkaa 14 qabatee sadarkaa gadibu’aarra jira.

Itiyoophiyaa Madin taphoota piiimer liigii shaman darban walitti aansuun taphateen lama mo’atee tokkoon ammoo mo’amee lamaan walqixa baheera.

Morkataansaa Bunni Sidaamaa taphoota liigichaa shaman darban walitti aansuun taphateen al tokko qofa mo’ateera, lamaan mo’amee al lama ammoo qabxii qooddateera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin Itiyoophiyaa Madin goolii 4 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama.

Sagantaa piriimer liigii torbee 23ffaa kan biraatiin magaalaan Hawaasaa Hadiyyaa Hoosaa’inaa waliin galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.

Magaalaan Hawaasaa fi Hadiyyaa Hoosaa’inaa qabxii walfakkaataa 31’n gooliin walcaalanii sadarkaa 8ffaa fi 7ffaa qabataniiru.

Magaalaan Hawaasaa taphoota piriimer liigii walitti aanan shan taphateen lama mo’atee sadiin mo’ameera.

Hadiyyaa Hoosaa’inaan taphoota shan taphateen lama mo’atee al lama ammoo mo’ameera, al tokko ammoo qabxii qooddateera.

Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taphataniin qabxii lamaa fi lamaan adda bahaniiru.

Oduu walfakkaatuun taphoota piriimer liigii Beetkiing Itiyoophiyaa torbee 23ffaa oolmaa guyyaa lammaffaatiin Magaalaan Bahaardaar Buna Itiyoophiyaa goolii 3 fi 1’n akkasumas magaalaan Dirreedawaa Itiyoo Elektiriik goolii 2 fi 0’n mo’ataniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015