Fiigichi Boqojjii guddichi Itiyoo-telekoom kan bara 2015 Dilbata dhufu Caamsaa 6/2015 ni adeemsifama

517

Caamsaa 1/2015(TOI) - Fiigichi Boqojjii guddichi Itiyoo-telekoom kan bara 2015 Dilbata dhufu Caamsaa 6/2015 akka adeemsifamu qopheessitoonni ibsan

Fiigichi Boqojjii guddichi ministeerri turizimii fiigicha  guddicha Itiyoophiyaa waliin ta’uun qophaa’uunsaa beekameera.

Qophii dorgommichaa ilaalchisuun de’eetaan ministira tuurizimii Salaamaawiit Daawiit har’a ibsa gaazexeessummaa kennaniiru.

Ibsa kanaanis  atileetota Itiyoophiyaan damee atileetiksiin addunyaarratti akka waamamtu taasisan keessaa atileetonni Boqojjiirraa argaman jiraachuusaanii eeraniiru.

Kanaaf Itiyoo-telekoom fiigicha Boqojjii guddicha kan bara 2015 Boqojjiitti qopheessuunsaa naannoon atileetota hedduu biqilche caalaatti beeksisuuf akka kaayyeffate ibsaniiru.

Kana malees hawata tuurizimii naannawichaa guddisuu fi tuuizimii ispoortii babal’isuun hawaasa naannawichaa fayyadamaa akka taasisu eeraniiru.

 Atileetonni Keeniyaa dorgommicharratti kan hirmaatan ta’uunsaa kan waggaa darberraa  adda akka taasisus ibsameera.

Gaazexessoonni biyya keessaa fi alaa waan argamaniif Boqojjii sadarkaa addunyaatti beeksisuuf carraa gaarii akka uumu de’eetaan ministiraa kun dabalanii ibsaniiru.

Kana malees atileetonni dorgommii Kanaan mo’atan dorgommii fiigichaa Keeniyaa magaalaa Eldoreetitti taasifamurratti nihirmaatu jedhaniiru.

Itti aanaan kantiibaa magaalaa Boqojjii Tafarii Tolaa gamasaaniin, Boqojjii fi naanawashee bakka atileetonni bebbeekamoo itti argaman waan ta’eef Itiyoophiyaa waamsisuun hundi keenya itti boonna jedhan.

Magaalaan keenya damee Kanaan beekamtus akka maqaashee dhaabbilee tajaajila kennanii fi bu’uraalee misoomaa Ispoortiin akka hin misoomne eeraniiru.

Fiigichi kun mata duree “Mee haa sibeeku Itiyoophiyaa” jedhuun kan adeemsifamu yemmuu tahu, dorgommiin atileetotaa fi kanneen fayyaaf fiigan kiiloomeetira 12 nitaasifama.

Dorgommiin fiigicha daa’immanii fi miilaan deemuun gaara bahuun  akka jiraati ibsa kennamerraa baruun danda’ameera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015