Ce'umsa teeknooloojii dhugoomsuudhaan jijjiiramafi misooma biyyattiif akkasuma carraa hojii uumuuf cimnee hojjechuu qabna

452

Caamsaa 1/2015 (TOI) :- Ce'umsa teeknooloojii dhugoomsuudhaan jijjiiramafi misooma biyyattiif akkasuma carraa hojii uumuuf cimnee hojjechuu qabna jedhan Ministirri Hojjetaafi Ogummaa aadde Mufaarat Kamiil.

Sadarkaa naannootti dorgommii fi agarsiisni qorannoo teeknooloojii, ogummaa fi qorannoo magaalaa Hawaasaa Addababaayii Barkumeetti geggeeffamuu har'a eegaleera.

Sirna baniinsa agarsiisa kanaa irratti Itti pirezidaantii Mootummaa Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Lendaamoo, Ministirri Hojjetaa fi Ogummaa aadde Mufaarat Kamiil akkasuma hoggantoonni mootummaa Federaalaafi naannoo argamaniiru.

Sagantaa kanarratti Ministirri Hojjetaafi Ogummaa aadde Mufaarat Kamiil Ce'umsa teeknooloojii dhugoomsuudhaan jijjiiramaa fi guddina biyyaatiif akkasuma carraa hojii uumuuf cimnee hojjechuu qabna jedhaniiru.
 

Kolleejjiiwwan teeknikaa fi ogummaa lammiilee dandeettii fi beekumsa guutuu qaban oomishuu fi teeknooloojii ummataaf faayidaa qabu uumuu keessatti gahee guddaa akka qaban hubachiisaniiru.

Pirezidaantiin naannoo Sidaamaa obbo Dastaa Lendaamoo gama isaaniin omishaa fi oomishtummaa guddisuun akkasumas teeknooloojiiwwan rakkoo furuu danda'an uumuun imala badhaadhinaaf gumaachi kolleejjiiwwan teeknikaa fi ogummaa guddaa ta’uu ibsaniiru.

Damee qonnaatiin, of bira darbuun kanneen biroof dhiheesuuf oomisha yeroo gannaan qofa osoo hin taane yeroo bonaas oomishuurratti hojii eegalame keessatti qooda isaanii bahuuf kolleejjiiwwan teeknooloojiiwwan hojii kanaaf gargaaran maddisiisuu irratti xiyyeeffachuu akka qaban ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015