Tapha Piriimer liigiitiin Magaalaan Bahaardaar Buna Itiyoophiyaa waliin nitphatu - ENA Afaan Oromoo
Tapha Piriimer liigiitiin Magaalaan Bahaardaar Buna Itiyoophiyaa waliin nitphatu

Caamsaa 1/2015(TOI)- Oolmaa guyyaa lammaffaa sagantaa torbee 23ffaa piriimer liigiitiin taphni magaalaan Bahaardaar buna Itiyoophiyaa waliin taasisan xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan guyyaa keessaa sa’aatii sagalitti Istaadiyeemii Yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatu.
Magaalaan Bahaardaar qabxii 44’n lammaffaa akkasumas bunni Itiyoophiyaa qabxii 31’n sadarkaa 6ffaarra jira.
Magaalaan Bahaardaar taphoota piriimer liigicha walitti aanan shan taasiseen sadii mo’atee al lama walqixa baheera.
Bunni Itiyoophiyaa gamasaadiin taphoota shaman darbaniin lama mo’ate sadiin ammoo qabxii qooddatee baheera.
Magaalaan Bahaardaar tapha har’aa yoo mo’ate liigicha dursaa kan jiru Qiddus Giyoorgis amma taphatutti garaagarummaa qabxii gara afuriitti gadi buusa.
Bunni Itiyoophiyaa yoo mo’ate sadarkaa jahaffaarraa gara afraffaatti olsiqa.
Deeggartoonni kilabii lamaanii taphicha nimiidhagsu jedhameetu eegama.
Tapha kana federal Arbiitir Biiniyaam Warqaaganyoo nitaphachiisu.
Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaa taasisaniin magaalaan Bahaardaar goolii 3 fi 1’n mo’achuunsaa niyaadatama.
Sagantaa torbee 23ffaa piriimerliigii kan biraatiin Itiyoo elektiriikii fi magaalaan Dirreedawaa waliin galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.
Itiyoo Elektiriik qabxii 11’n sadarkaa 15ffaa qabatee sadarkaa gadibu’aarra yoo jiraatu magaalaan Dirreedawaa qabxii 27’n sadarkaa 11ffaarratti argama.
Itiyoo elektiriik taphoota liigichaa walitti aanan shanan darbaniin homaa hin mo’anne, al lama mo’ameera, al sadii ammoo walqixa baheera.
Magaalaan Dirreedawaa taphoota shan keessaa lama mo’atee al sadii mo’ameera.
Kilaboonni lamaan tapha marsaa jalqabaatiin magaalaan Dirreedawaa 2 fi 1’n mo’ateera.
Oduu walqabateen oolmaa jalqabaa tapha torbee 23ffaa kaleessa taasifameen Walaayittaa Diichaan Magaalaa Adaamaa akkasumas Faasiil Kanamaan magaalaa Arbaa Minci waliin qaxii tokkoo fi tokkoon xumuraniiru.