Gareen biyyaalessaa Itiyoohiyaa tapha calaltuu waancaa Afriikaa Maalaawii waliin Moozaambiikitti nitaphatama- Federeeshinii kubbaa miilaa Itiyoophiyaa

Ebla 30/2015(TOI) – Gareen biyyaalessaa Itiyoophiyaa tapha calallii waancaa Afriikaa 34ffaa qopheessummaa Kotidivuwaariin taasifamu tapha Maalaawii waliin taphatu Moozaambiikitti akka taasisu federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa beeksise.

Itiyoophiyaan tapha calallii waancaa Afriikaa Kanaan ramaddii afuriin Gibxi, Giinii fi Maalaawii waliin ramadamtee taphachaa jirti.

Tapha shanaffaa ramaddii Maalaawii waliin Waxabajjii 13/2015 Moozaambiikitti nitaphatu.

Tapha kana taasisuuf Moozaambiik filannoosaa taasisuusaa federeeshiniin kubbaa miilaa Itiyoophiyaa Fiifaa beeksisuusaa ibseera.

Federeeshinichi Istaadiyeemiiwwan biyyoota Afriikaa bahaatti argamanitti taasisuuf yaalii gochus Isteediyeemiin Kanaan dura Ruwaandaaf eeyyamameefii ture eeyyamni yeroof kennameef waan irraa ka’eef  eeyyani Taanzaaniyaaf kenname tapha garee biyyaalessaa qofa kan taasiftu waan ta’eef, Sudaan haala yerootiin akkasumas Ugaandaa fi Keeniyaan Istaadiyeemiin eyyamame akka hinjirre himmameera.
 

Tapha kana biyyoota Afriikaa bahaatti taasisuun waan hindanda’amneef Itiyoophiyaan tapha Maalaawii waliin taasiftu federeeshinichi Moozaambiik filachuusaa beeksiseera.

Itiyoophiyaan tapha ramaddii jalqabaa Maalaawii waliin taasifteen goolii 2 fi 1’n mo’amuunshee niyaadatama.

Itiyoophiyaan tapha calallii waancaa Afriikaatiin ramaddii afuriin qabxii 3’n sadarkaa dhumaa afraffaarratti argamti.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015