Gaambeellaatti sababa ho'aan saatiin hojii mootummaa jijjiramee ture gara idileetti deebi'e.

390

Ebla 30/2015 (TOI) :- Naannoo Gaambeellaatti sababa ho'i dabaluurraan kan ka'ee saatiin hojii idilee mootummaa jijjiramee ture gara idileetti deebi'uu Waajjirri Pirezidaantii naannichaa beeksiseera.

Waajjirichi ibsa har'a miidiyaaleef ergeen akka beeksisetti sababa hangi oo'a naannichaatti dabaluu isaan ji'oota sadan darbaniif yeroon hojii idilee mootummaa gara yerootti jijjiiramee tureera.

Haalli qilleensaa yeroo ammaa mijataa waan ta'eef bor Caamsaa 1/2015 irraa jalqabee yeroon hojii mootummaa gara saatii idileetti akka deebi'ee ta'eera jedhaniiru.

Haaluma kanaan ji'oota sadiif yeroon hojii kan ganama saatii 1 hanga saatii shaniifi walakkaatti ture gara gana saatii tokkoo hanga guyyaa saatii jahaafi walakkaatti sirreeffamuu eerameera.

Akkasuma saatii booda immoo saatii kudhanii hanga saatii kudha lamaafi walakkaa kan ture gara duraan ture saatii sagalii hanga saatii kudha tokkoo fi walakkaa akka ta'u murtaa'eera.

Haaluma kanaan hojjetoonnoo mootummaa naannichaa saatii eeramee kanaan hojii isaanirratti argamanii hojii isaanii akka raawwatan waajjirichi ibsa baaseen eerera.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015