Itiyoophiyaan imaammatashee dijitaalaan dubartootaaf xiyyeeffannoo kenniteetti-gamtaa telekomunikeeshinii idil addunyaa

425

Ebla 28/2015(TOI)  - Itiyoophiyaan imaammatashee dijitaalaan dubartootaaf xiyyeeffannoo kennuushee gamtaa telekomunikeeshinii idil addunyaa beeksise.

Itiyoophiyaan imaammattootaa fi danbiishee damee teeknooloojii infoormeeshin komunikeeshinii qabdu keessatti dubartoota galchuusaa qorannoo qorachiise gamtichi ifoomseera.

Akkaataa  qorannoo kanaatiin Itiyoophiyaan imaammattoota dijitaalaa dhiheenya baafte keessatti dubartootaaf xiyyeeffannoo addaa kennuushee gamtichi ibseera.

De’eetaan ministiraa innoveeshinii fi teeknooloojii Huriyaa Alii qorannichi qoodama dijitaalaa Itiyoophiyaa agarsiisuun dirree dijitaalaa keessatti sirna saalaa galchuun imaammattoota haaraa qopheessuuf nigargaara jedhaniiru.

Ministeerichi dirree dijitaalaa keessatti hirmaannaa dubartootaa guddisuu fi fayyadamummaa hojjechaa akka jiru ibsaniiru.

Daarektarri olaanaa biiroo misooma telekomunikeeshinii  gamtaa komunikeeshinii idil addunyaa doktar Koosmaas Zaavaa Zaavaa qorannichi yaada gorsaa  hirmaannaa dijitaalaa dubartootaa guddisuuf gargaaran kan agarsiisee fi dhimmoota fuula dura hojjetamuu qaban kallattii kan eeru ta’uu himaniiru.

Ministeerri innoveeshinii fi teeknooloojii qoodmaa dijitaalaa dameewwan saalaa, umurii, naannawaa, ogummaa dijitaalaa fi kanneen birootiin furuuf qaamolee deeggartootaa addaddaa waliin hojjechaa akka jiru odeeffannoon fuula marsariitiisaarratti baase nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015