Taphoonni xumuraa torbee 22ffaa piriimer liigii Itiyoophiyaa har’a nitaphatamu

304

Ebla 28/2015(TOI) - Taphoonni xumuraa torbee 22ffaa piriimer liigii Itiyoophiyaa har’a Istaadiyeemii yunivarsiitii Hawaasaatti nitaphatamu.

Guyyaa keessaa sa’aatii 9tti magaalaan Hawaasaa buna Sidaamaa waliin nitaphatu.

Magaalaan Hawaasaa qabxii 31’n sadarkaa 8ffaa yoo qabatu bunni Sidaamaa ammoo qabxii 21’n sadarkaa 14ffaa qabachuun sadarkaa gadi bu’aa keessa jira.

Magaalaan Hawaasaa taphoota wlitti aanaa shan taasiseen lama mo’atee, lamaan ammoo yemmuu mo’atamu altokko ammoo qabxii qooddateera.

Bunni Sidaamaa tahotta shan taasiseen homaa hinmo’anne, al lama mo’ameera, al sadii ammoo walqixa baheera.

Kilaboonnilamaan tapha marsaa jalqabaan taasisaniin magaalaan Hawaasaa goolii 1 fi 0’n mo’achuunsaa niyaadatama.

Tapha xumuraa torbee 22ffaan sagantaa liigichaa magaalaan Walqixxee fi Qiddus Goorgisii galgala sa’aatii 12tti nitaphatu.

Magaalaan Walqixxee qabxii 25’n sadarkaa 12ffaarra yemmuu jiraatu Qiddus Goorgis qabxii 28’n sadarkaa tokkoffaa qabatee dursaa jira.

Magaalaan Walqixxee taphoota shan Kanaan dura taphateen altokko qofa mo’ate, alsadii mo’ameera, altokko ammoo qabxii qooddateera.

Qiddus Goorgis taphoota shan Kanaan dura taphateen alafur mo’ateera, al tokko ammoo walqixa baheera.

Taphni kilaboonni lamaan marsaa tokkoffaa taphatan goolii lamaa fi lamaan xumuramuunsaa niyaadatama.

Qiddus Goorgis tapha har’aa yoo mo’ate garaagartee qabxii magaalaa Bahaardaar waliin qabu 7tti guddisa.

Taphni kun amma torbee 27ffaatti Istaadiyeemii Hawaasaatti nitaphatama.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015