Bakka gahumsa Turizimii magaalaa Bishooftuu babal'isuuf ji'oota salgan darban Pirojeektoonni haaraan 26 ijaaramaniiru.

Ebla 25/2015 (TOI) :- Bakka gahumsa Turizimii magaalaa Bishooftuu babal'isuuf bara 2015 keessaa ji'oota salgan darban qofaa Pirojeektoonni haaraan 26 ijaaramuu Kantiibaan magaalaa Bishooftuu obboo Alamaayyoo Asfaawu himan.

Magaalaa Bishooftuu magaalaa Finfinneerraa km 47 fagaattee argamtu yoo ta'u magaalli kun magaala haroowwaan uumamaa 7 of keessaa qabdudha. Kunis magaalattiin turizimiidhaaf mijattu akka taatu taasiseera.

Magaalichaatti lakkoofsi turistootaa yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan dhufeef pilaanii haala yeroo ammaa jiru dabalatee magaalichatti jijjiramoonni hedduun taasifamaa jiraachuu kantiibaan magaalaa Bishooftuu obbo Alamaayyoo Asaffaa TOItti himaniiru.

Bara bajataa kanas piroojektoota bara darbee bulan jahaafi pirojeektoota haaraa 33 ijaaruuf birriin biliyoona tokko qabamee hojjetamaa jira jedhaniiru.

Haaluma kanaan ji’oota salgan darbanitti pirojeektoota buleeyyii keessaa4 kan haaraa immoo 26 hojiin isaanii guutummaatti xumuramuu himaniiru.

Pirojeektoota haaraa hojiin isaanii hanaga ammaatti hin xumuaramiis bara bajataa kana keessatti xumuruuf tattaaffiin taasifama jirachuu himaniiru.

Ijaarsa pirojeektootaa kanaaf mootummaa, dureeyyoonniifi hawaasni qindaa'anii hojjechaa jiru jedhaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa pirojektoota haaraan keessattuu daandiiwwan gara naannawwaa bakka hawwata tuuristii magaalattii geessan gara asfaaltiitti jijjiiramuu fi daandii dabalataa bal'inaan ijaaraa jirachuu himaniiru.

Ijaarsi mana jireenyaa jiraattota galii gadi aanaa qabanii, daandii keessa keessaa magaalichaafi daandii asfaaltii dabalataa magaalattii irraa gara Finfinneetti geessu xumuramaa jiraachuu ibsaniiru.

Giddugalli aadaa Oromoo Hora Arsadiitti ijaaramaa jirus pirojektoota bulchiisi magaalichaa hojjechaa jiru keessaa tokko ta’uu kantiibaan kun eeraniiru.

Magaalichatti yeroo yaa'insii Turitii yeroodhaa gara yerootti dabalaa waan jiruuf akkaataa fedhii fayyadamtootaa fi ummataatiin gara misooma sadarkaa olaanaatti magaalicha ceesisuuf karooraan hojjetamaa jiras jedhan.

Haroowwan magaalaa Bischooftuu keessa jiran torba keessaa shan guutumaan guututti fi gartokkoon kan misoomsan yoo ta’u, haroowwan lamaan hafan ammoo hawaasa naannoo fayyadamoo taasisuuf kan misooman ta’uu eeraniiru.

Gama biraatiin Bishooftuu magaalaa 'Ismaartii teeknooloojiin' gargaaramtu taasisuuf waggaa tokkoof hojiiwwan hedduun hojjetamuu isaanii eeraniiru.

Tajaajila turizimii guutummaan guutuutti gara teeknooloojiitti jijjiiruun yeroo dhiyootti guutumatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015