Inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin hojjechuuf har’a waliigaltee mallatteesse - ENA Afaan Oromoo
Inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin hojjechuuf har’a waliigaltee mallatteesse

Ebla 23/20215(TOI) - Inistiitiyuutiin sammuu namtolchee Itiyoophiyaa magaalaa Hawaasaa waliin hojjechuuf har’a waliigaltee mallatteesseera.
Daarektarri olaanaa sammuu namtolchee Itiyoophiyaa Injiinar Warquu Gaachanaa fi kantiibaan magaalaa Hawaasaa gargaaraa Piroofeesaraa Tsaggaayee Tukkee waliigaltee kana mallatteessaniiru.
Akkaataa waliigaltee kanaatiin kenniinsa tajaajilaa magaalaa Hawaasaa si’ataa fi ammayyaa taasisuuf akkasumas nagaa fi nageenya magaalattii cimsuuf (Hawaasaa ismaartii ijaaruuf) waliin akka hojjetamu eerameera.
Daarektarri olaanaa Inistiitiyuutichaa Injiinar Warquu Gaachanaa wayita kana akka jedhanitti, Magaalota Itiyoophiyaa ammayyeessuuf, tajaajila si’ataa fi sadarkaasaa eeggate kennuu akka danda’an akkasumas oomishaa fi oomishtummaa guddisuuf hojjetamaa jiru.
Haala Kanaan Inistiitiyuutichi magaalaa Hawaasaa mijooftuu taasisuuf, tajaajila bulchiinsi magaalichaa kennu ammayyeessuu fi waliin hojjechuuf waliigaltee mallatteessuusaa ibsaniiru.
Inistiitiyuutichi kaameeraawwan ammayyaa birrii miiliyoona 20tti tilmaamaman fi sammuu namtolcheen deeggaraman dabalatee deggarsa teeknooloojii walfakkaataa kanneen biroo bulchiinsa magaalaa Hawaasaaf deeggarsa taasisuusaa eeraniiru.
Gama biraatiin hojiiwwan damee nageenyaa, fayyaa, faayinaansii fi tajaajilaa hedduu irratti dijitaalatti geeddaruun cimanii itti fufu jedhan daarektarri olaanaa kun.
Kantiibaan magaalaa Hawaasaa gargaaraa piroofeesaraa Tsaggaayee Tukkee gamasaaniin, wliigalteefii deeggarsichi magaalaa ammayyaa uumuuf hojii hojjetamu kan deeggarudha jedhaniiru.
Bakka qaqqabiinsa tuuristii kan taate Hawaasaa tuuristootaa fi jiraattota magaalaaf tajaajila fooyya’aa fi si’ataa kennuuf gumaacha olaanaa akka qabu ibsaniiru.
Gargaaraa Piroofeesaraa Tsaggaayeen deeggarsa Inistiitiyuutichi taasiseef galateeffataniiru.