Tamsaasa Kallatti:

Manni maree bakka bu’oota ummataa labsii fooyyessa eksaayiz taaksii raggaase

Ebla 19/2015(TOI) - Manni maree bakka bu’oota ummataa labsii fooyyessa eksaayiz taaksii raggaase.

Manni maree bakka bu’oota ummataa walgahii idilee 15ffaa har’a taa’eera.

Walitti qabaan koree dhimmoota pilaanii, bJt fi fayinaansii obbo Dassaaleny Wadaajoo yaada murtee fooyyessa labsii eksaayiz taaksii dhiheessaniiru.

Mootummaaf galii fooyyee qabu argamsiisuuf, taaksii eksaayizii ammayyeessuunsirna bulchiinsaa fi to’annoo bu’a qabeesa taasisuuf, oomishoota fayyaa fi nageenya naannoorratti miidhaa geessisan kan biyya alaarraa galan akka hinjajjabaannee fi ammisaanii akka hir’atu gochuuf labsicha fooyyessuun barbaachisaa ta’uusaa obbo Dassaaleny ibsaniiru.

Ragaa dhiheessitoota, koreelee dhaabbataa mana marichaa addaddaa, ministeera maallaqaa dabalatee qooda fudhattoota addaddaa dhimmimi laallatu, dhaabbilee nyaataa fi dhugaatii qopheessan fi kutaalee hawaasaa addaddaa waliin waltajjii qopheessuun labsicharratti mariin taasifamuusaa himaniiru.

Mariilee kanneenirraa galteen labsicha fooyyessuuf dandeessisan sassaabamuusaa dubbataniiru.

De’eetaan ministira maallaqaa doktar Iyyoob Takkaaliny fi walitti qabaan korichaa obbo Dassaaleny Wadaajoo labsii fooyyessa eksaayiz taaksii ilaalchisuun gaaffilee miseensota mana maricharraa ka’aniif deebii fi ibsa kennaniiru
.

Manni marichaa labsicharratti erga mari’atanii booda labsicha lakkoofsa labsii 1287/ 2015 gochuun sagalee caalmaan raggaasuusaa odeeffannoon fuula marsariitiimana maree bakka bu’oota ummataarraa argame nimul’isa.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015