Pireezdaant Reseep Taayyip Erdoogaan tumsa Itoophiyaan yeroo kirkirri lafaa Turkiyyee mudatetti Turikoyyeef taasifteef galateeffatan.

Ebla 18/2015 (TOI) : - Pireezdaant Reseep Taayyip Erdoogaan tumsa Itoophiyaan yeroo kirkirri lafaa Turkiyyee mudatetti Turikoyyeef taasifteef galateeffatan.

Pireezdaantiin Turkiyye Reseep Taayyip Erdoogaan biyyoota yeroo balaan kirkira lafaa biyyattii mudatee ture deeggaraniif meedaaliyaa fi waraqaa ragaa galateeffannaa kennaniiru.

Sagantichaan pireezdaanit Erdoogaan yeroo balaan kirkira lafaa biyyattiitti mudate ture deeggarsa baraarsa lubbuu hatatmaafi tumsa mootummaan Itoophiyaa taasiseef galateeffataniiru.

Meedaaliyaafi waraqaa ragaa Pireezidaantichi kennaniis Turkiyyeetti ambaasaaddara Itoophiyaa Adam Mahaammad fi dursaan garee baraarsaa lubbuu Itoophiyaa Letenaal jeneraal Dastaa Abichee fuudhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015