Aadde Adaanach Tajaajilaa galmeessa Siiviilii Diijitaalaa eegalchiisan - ENA Afaan Oromoo
Aadde Adaanach Tajaajilaa galmeessa Siiviilii Diijitaalaa eegalchiisan

Ebla 17/2015 (TOI) – Kantibaan magaalaa Finfinnee Aadde Adaanach Abeebeen dhamaatii jiraattotaa fi kenniinsa tajaajilaa fooyyeessuuf Tajaajilaa galmeessa Siiviilii Diijitaalaa aanaalee 37 keessatti qophaa’e hojii eegalchiisaniiru.
Aadde Adaanach har’a kutaa magaalaa Kolfee Qaraaniyoo aanaalee 4 fi 5tti argamuun kenniinsa tajaajilaa diijitaalaa kana eegalchiisuu fuula Tiwiitarii isaaniin ibsaniiru.
Hojiin jiraattotaaf tajaajila si’ataa fi ammayyaa laachuu eegalame kun yeroo itti aanus cimee kan itti fufu ta’uu mirkaneessaniiru.