Bulchiinsa misooma Bosonaan hirmaachisaan gurmaa'anii fayyadamoo ta'aa jiraachuu qonnaan bultoonni aanaa Harannaafi Dalloo mannaa himan. - ENA Afaan Oromoo
Bulchiinsa misooma Bosonaan hirmaachisaan gurmaa'anii fayyadamoo ta'aa jiraachuu qonnaan bultoonni aanaa Harannaafi Dalloo mannaa himan.

Ebla 10/2015(TOI) - Bulchiinsa misooma Bosonaa hirmaachisaa keessatti gurmaa'anii waan hojjetaniif hojii hojjetan irraa fayyadamoo ta'aa jiraachuu qonnaan bultoonni godina Baalee aanaa Harannaafi Dalloo mannaa himan.
Godinaalee Baalee lamaan keessatti lafa heekataara kuma 260 kan bosonaan uffifame bulchiinsa misooma Bosonaan misoomaa jiraachuu Dhaabbata Bosonaafi Bineessaa bosonaa Oromiyaatti Wajjirri damee Baalee beeksiseera.
Bulchiinsa misooma Bosonaa keessatti waldaan gurmaa'anii kanneen bosona umamaa kununsan gurgurtaa Kaarboonii irraa galii birrii miliyoona 179.6 argachuu himaniiru.
Aanaa Harannaa ganda Garbii Galootti itti gaafatamaa waldaa misooma Bosonaa Daaduree kan ta'an obbo Ahimad Kamaal akka himanitti, osoo waldaan kanaan gurmaa'anii hojii kununsa bosonaa kanarratti hirmaachuu hin jalqabiin naannawwichatti fayidaa yeroof jecha bosonni manca'aa ture.
Erga waggoota afurii as garuu qonnaan bultoota naannaawwa kanaa waliin ta'uun bulchiinsa misooma bosonaa jalatti gurmaa'un mancaati bosonaa dhorkuun bosona misoomaa jiru keessatti Kannisa horsiisuufi hojiiwwan biroo misooma bosonaa hin miine keessatti hojjechuun bu'aa gaarii irraa argachaa jiraachuu himaniiru.
Waldaan isaanii bosona uumamaa lafa heektaaraa kuma 11rra jiru kununsuun waggoota arfan darban keessaatti marsaa lamaan gurgurtaa Kaarboonii raawwatamerraa galii birrii miliyoona 11 argachuu himaniiru.
Aanaa Dalloo mannaa ganda Cirriitti bakka bu'aan waldaan misomaa Bosona Birbirsaa obbo Kamaal Kadir gama isaaniin akka himanitti, qonnaan bultoota naannawwaa isaanii waliin ta'uun bosona umamaa lafa heekataara kuma 5 irra jiru kununsaa jiru.
Waladaa kanaan bosona umamaa naannaawwaa isaanii jiru kununsuun madaalaa umamaa eegsisuun cinaatti gurgurtaa kaarboonii marsaa lamaan geggeeffamaerraa birrii miliyoona 9 galii argachuu himaniiru.
Dabalataanis qonnaan bulaan bosona kununfamaa jiru kana keessatti kanniisa horsiisuun oomisha dammarra bu'aa dabalataa argachaa jiraachuu himaniiru.
Haluma kanaan qonnaan bultoonni kunneen akka himanitti erga bulchiinsa kununsa bosonaa hirmaachisaa ta'e jalatti gurmaa'uun erga hojii kununsa bosonaa hojjechuu jalqabanii galii dabalataa argachuu fayyadamoo ta'uu himaniiru.
Dhaabbata Bosonaafi bineesoota Bosonaa Oromiyaatti itti gaafatamaan damee Baalee obbo Getaachoo Abdataa akka himanitti, bosona umamaa manacaatirraa hambisuufi uummannis bosonarraa fayyadamaa akka ta'uuf sirna bulchiinsa misoomaa bosonaa hirmaachisa diriirfamee hojjetamaa jira.
Haaluma kanaan godina Baaleefi Baalee bahaa aanaalee shan qofaa keessatti qonnaan bultoonni kuma 16fi 800 ta'an waldaalee 38tiin ijaaramanii bosona akka kununsaniifi irraas fayyadamoo akka ta'an taasifamaa jira.
Qonnaan bultoonni kunneen bulchiinsa misooma bosonaa hirmaachisaa jalatti qindaa'uun hojii kununsaafi eegumsa bosona lafa heekataaraa kuma 260 irra jiruuf taasisan irraa gurgurtaa kaarboonii taasifameen birrii miliyoona 179.6 galii argataniiru.
Bosona kununsaa jiran kana keessattis kanniisa horsiisuuf oomisha dammaarraa bu'aa argachaa jiraachuu himaniiru.
Qonnaan bultoonni erga hojii kan jalqabanii kanaan dura kasalaafi xaawulaa baasuuf mosona mancaasaa kan turan ta'us ergaa waldaan gurmaa'anii hojjechuu jalqabanii rakkoon kun akka hafe himaniiru.
Godinichatti bosona umamaa bulchiinsa misoomaa bosonaa hirmaachisaa keessatti kanneen hammataman keessaa Paarkii Biyyaalessaa Gaarreen Baalee keessatti kan argamu bosonni Harannaa tokko ta'uu eeraniiru.