Misoomaa sululaa qindaa'aa hawaasa hirmaachiseen lafa heekataa miliyoona 1.8 irratti hojiin kununsa biyyoofi bishaanii hojjetameera.

Ebla 4/2015(TOI) - Bara kana waaqtii bonaa Misoomaa sululaa qindaa'aa hawaasa hirmaachiseen lafa heekataa miliyoona 1.8 irratti hojiin kununsa biyyoofi bishaanii hojjetamuu Minsteerri Qonnaa beeksise.

Deetaan Ministeera Qonnaa pirofeesar Iyyaasuu Eliyaas raawwii hojii misooma sululaa bonaa darbeefi karooraa hojii sagantaa ashaaraa magariisaa ilaalchiisuun miidiyaaleef ibsa kennaniiru.

Pirofeesar Iyyaasuun ibsa isaaniin sababa jijjirama qilleensaa mudateen Itoophiyaatti sababa hongeefi lolaan uummanni rakkoo cimaaf saaxilameera.

Kanaaf sababa manca'uu biyyeen balaa lolaan geesisuu ittisuuf hojiin misooma sululaa hawaasa waliin qindaa'uun hojjetameera jedhaniiru.

Haaluma kanaan bara bajataa kana yeroo bonaa hojii misooma sululaa uummataan hogganamuu lafa heekataara miliyoona 1.5 irrati hojjechuuf karoorfamee lafa heekataara miliyoona 1.8 irratti hojjechuun akka danda'ame himaniiru.

Hojii misoomaa ji'a Onkoloolessarraa jalqabee hojjetameen hawaasni waggaa keessaa guyyoota 30 tolaan hojii kanarratti hirmaachaa waan tureef milkaa'inni gaariin argamuu himaniiru. Kanaafis hawaasa hojii kanarratti hirmaachaa tureef galatatu mala jedhaniiru.

Hojii misooma sulalaa kana itti fufinsa akka qabaatuuf waldaaleen kuma 2fi 240 ta'an gurmaa'anii sulala misoometti akka fayyadaman taasifameera jedhaniiru.

Gama biraan hojii misooma ashaaraa magariisaa marsaa 5ffaatiin biqiltuu biiliyoona 6.3 dhaabuuf karoorri qabamee hojjetamaa jiraachuu Deetaan ministira Qonnaa Piroofeesar Iyyaasuu Eeliyaas himaniiru.

Haaluma kanaan hanga ammatti biqiltuun biliyoona 5.4 qophaa'uu himanii, kanneen keessaa mukkeen bosanaa harka 45 yoo ta'u kan hafe immoo mukeen qonnaa walkeessaaaf, Kuduraafi muduraa akkasu kanneen nyaata beelladaaf oolanidha jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015