Ibsa Paartii Badhaadhinaarraa kenname

Qooda fudhattoonni siyaasaa biyyaattii sochii seeraan alaafi qajeelfama hinqabnerraa of qusachuu qabu jechuun Paartiin Badhaadhinaa ibse.


Paartichi haala yeroo biyyattii ilaalchisuun ibsa baaseera.


Ibsichaanis ka’umsaafi ga’umsi hojiifi ejjennoon paartichaa ittifufiinsa, badhaadhinaafi nageenya ummataa Itoophiyaa ta’uu ibseera.


Haaluma kanaan bu’uura biyyaalessaa hinraafamnerra dhaabbachuun ummataa biyyatti hundaaf gaachana waloo kan ta’ee Raayyaa Ittisa Biyyaa, biyya ijaaruuf tattaaffiiwwan heera bu’uureffatan taasisuun erga eegalame bubbuluu ibseera.


Yeroo kakaasii filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaa humnoota addaa naannolee akkaataa heera mootummaan irraa deebiin akka gurmeeffaman ejjennoo jiru ummataaf ifoomsuu yaadachiiseera.


Kanaafis akeekni hiika sirriirraa maqeef saaxilamuun sochii humnoota addaa deebisanii gurmeessuu, akka qaamolee tokko tokkoon jallifamee himamuu murtoo ariitiin taasifame utuu hintaane qorannoon, mariifi tasgabbiin bal'aadhaan waliigaltee waloon murtoo irra gahame ta'uu hubachuu barbaachisa jedheera.


Dhimma kanarratti humnoonni addaafi ummatoonni naannolee, heeraa mootummaa haala bu’uureffateefi haalaa nageenyaafi tasgabbii foyya’aa haala eegeen hojiin deebisanii gurmeessuu hojjetamuu akka qabu karaa garagaraa mootummaafi paartichaaf ibsaa turuu beeksiseera.


Waan ta’eef, fedhii ummataa tilmaama keessa kan galcheefi heera mootummaa kan bu’uureffate akka ta’ee hubachuu barbaachisa jedha.


Heerarratti akkaataa walhinfalmisiisnetti kan kaahamee jiru, ummataafi biyya haleellaa diina kamirraayyuu kan qolatu humna biyyaalessaa ijaaruuf aangoofi ittigaafatama kan qabu mootummaa federaalaa qofa akka ta’e ifatti kaa’amuu eeruun, mootummoonni naannolee nageenyaafi tasgabbii naannoosaanii kan eegsisu poolisii naannoo akka gurmeessan heeraan raggaasifameera.


Bu’uuruma kanaan barbaachisummaa humnoota addaa naannolee irra deebiin gurmeessuun dhimma sirrii hinturre, tattaaffii murtoo sirrii taasisuu malee akeeka biraa akka hinqabne ifatti beekamuu akka qabu eereera.


Paartileen morkattootaafi hoggantoonnisaanii tokko tokko akkasumas namoonni rogeeyyii ofiin jedhan dhimmichi dhimma naannoo tokko hidhannoo hiikkachiisuu taasisuun dhiyeessuufi dhimmicha ibsuun kan ittifayyadaman “Cabsuu, dachaasuu, diiguu, facaasuu…” kan kana fakkaataniin ibsuun, maddi isaanii eessa akka ta’eefi filannoonsaanii akkam akka ta’e xiinxaluun dhimma kanaaf faayidaa hedduu qabaachuu baatus, galmisaanii garuu bu’aa siyaasaa kufaaf afeeruufi ummata dogoggorsuuf yaaluun, fedhii fudhatamummaa yeroo argachuuf tattaafachuu akka ta’e salphaatti hubachuun nidanda’ama.


Kana waan ta’eef sochii seeraan alummaafi qajeelfama hinqabne biyya gatii olaanaa kaffalchisuurraa akka ofqusatan paartichi hubachiiseera.

 

 

 

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015