Godina Arsii Lixaa aanaa Siraarootti Qonnaan bultoonni hojii misooma kununsa qabeenya umamaa hojjetaan irraa fayyadamoo ta'uu himan.

756

Bitootessa 28/15(TOI) - Hojiin misooma eegumsa biyyoofi bishaanii waggoota shaan darban oomishaafi oomishitummaa isaanii dabaluun guddina dinagdee isaanii keessatti qooda bahachaa jiraachuu qonnaan bultoonni godina Arsii Lixaa aanaa Siraaroo himan.

Hojiin kunuunsa biyyee fi bishaanii waggoota shaan darban hojjetan gabbinni ooyiruu isaanii akka dabalu taasisuu qonnaan bultoonni aanichaa TOItti himaniiru.

Kanaafis ooyiruu isaaniirraa hanga oomishaa kanaan dura argachaa turan caalaa akka argatan taasisuu himaniiru.

Sululawwaan haala kanaan misooman keessaa marga beelladaaf dhiheessuuun beellada horsiisanii fayyadamoo akka ta'an qonnaan bultoonni kunneen himaniiru.

Hojii misooma kununsaa biyyeefi bishaanii kanaan biyyee gabbataa kanaan dura lolaan haramee badu badiirraa hambisuun danda'amuu himanii, kun immoo ooyiruu isaaniirratti oomisha gaarii akka oomishaniif haala kan mijeesseef ta'uus himaniiru.

Hojii mootummaan waggoota shanan darban garee misoomaafi dhuunfaan hojii kununsaa biyyeefi bishaanii irratti fayyadamummaa qonnaan bulaa guddisuuf hojjechiisaa tureerraa akka waliigalatti fayyadamoo ta'aa jiraachuu qonnaan bultoonni kunneen TOItti himaniiru.

Sululaawwaan misoomaa jiran keessatti Kannisaa horsiisuun bu'aa gaarii argachaa akka jiran qonnaan bultoonni kunneen eeraniiru.

Waajjira Qonnaa Godina Arsii Lixaatti itti gaafatamaan qabeenya uumamaafi eegumsa naannoo obbo Umer Ejeree akka jedhanitti, qonnaan bultoonni godinichaa garee misoomaan hojii misooma sulula qindaa'aa akka hojjetaniif deeggarsiifi hordoffiin barbaachisaan taasifamaafi jira.

Hojiin kunuunsa qabeenya uumamaa kun dhimmoota akka sanyii beelladaa fooyyessuu, itti fayyadama sanyii filatamaa, horsiisa beelladaafi dhimmoota biroo jireenya isaanii ittiin fooyyessan irratti mari’achuufi muuxannoo wal jijjiiruuf carraa gaarii ni uuma jedhaniiru.

Tajaajila Oduu Itiyoophiyaa
2015